Miseensi paarlaamaa walgahii viidiyoo bilbilaarratti qullaa mul’ate dhiifama gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Namni siyaasaa Kaanaadaa walga'ii bilbilaa viidiyoodhaan miiltoowwan isaa waliin taasisu irratti qullaa erga mul'atee booda dhiifama gaafateera.
''Kuni dogoggora tasa uumame dha,'' jedhe, Kiiwubeek kutaa Poontiyaak bakka bu'ee namni jiru Abba Wiiliyaam Amoos, ibsa Roobii baaseen.
"Ergan xiqqoo fiigee deebi'ee booda osoon hojiif huccuu geeddaraa jiruu viidiyoon tasa baname," jedhe.
Suuraan taatee kana mul'isu miidiyaa hawaasaarra kan qoodame yoo ta'u, Abba Wiiliyaam bilbila naannoo qaama saalaa isaarra qabatee mul'ata.
Miseensi walabaa paarlaamaa kun teessuma minjaala alaabaa Kiiwubeek fi Kaanaadaa gidduu argamu duuba dhaabbatee ture kan mul'atu.
Taatee kanaan ''qaanfadheen jira, haata'u maleemmoo dogoggora tasa uumameefi lammata irra hin deebi'amnedha,'' jedheera Wiiliyaam Amoos.
''Miiltoowwan kiyya Mana Maree keessa nawaliin jiran osoo hin beekin isaan jeequu kootiif dhiifama guddaan isaan gaafadhas,'' jedheera ibsa Tiwiitara gubbaa baaseen.
Erga walga'iin isaanii goolabameen booda ibsa baaseen, miseensonni keenya hundi, keessumaa warri dhiiraa, jaakkeettiifi karabaanni dirqama akka ta'e isaan yaadachiisu feena jedheera, paartiin Kaanaadaas Bilook Kiiwubeekoo (CBQ).
"Miseensi keenya kun qaamni isaanii haala gaariirra akka jiru agarree jirra, garuummoo miseensonni keenya cufti kaameeraa isaanii haalaan to'achuu irratti of eeggannoo taasisuu qabu," jedhani haasawa afaan Faransaayiin taasisaniin.












