Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Siitiin qabxii gate, har'a Tootenhaam Yuunaayitid waliin morkata
Kaleessa Maanchister Siitiin Liids Yuunaatidin 2 fi 1'n mo'ame. Liids taphataa tokko kaardii diimaan dhabuun taphattoota kudhaniin Maanchister Siitii injifate.
Siitiin qabxii 74'n liigicha dursaa jira. Gareen Peep Gaardiyoolaa barana Waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA kaappiif mo'achuuf dorgommii cimaa gochaa jira.
Shaampiyoonaan bara darbe Liiverpuul ammoo hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf morkataa kan jiru tahus kaleessa daqiiqaa xumuraa irratti galchii Aleeksaandar Arnooldi lakkoofsiseen Astoon Viillaa mo'ate.
Mohaammad Saalaan galchii Piriimer Liigii lakkoofsisuun 1ffaan xumuruuf morkiirra kan jiru yo tahu lakkoofsa galchii isaa 20'n gaheera. Gareen Toomaas Tuhel, Cheelsiin akkasuma Kiristaal Paalaasiin 4 fi 1'n mo'achuun sadarkaa 4ffaati deebi'eera.
Taphni har'a Tootenahaamii fi Maanchister Yuunaaytid gidduutti taasifamu ammoo haalaan eegama. Jooseen kilaba isaa duraanii Man Yuunaayitid dirree Waayit Hertleen irratti yoo simatu jalqaba dorgommii bara kanaatti 6 fi 1'n injifatee ture.
Man Yuunaayitid ammoo dirree isaan ala osoo hin mo'amiin kilaba kamiyyuu caalaa ol aantummaa agarsiisaa jira.
Oduu Taphatootaan
Tootenahaam torban darbe sababa qorannoo koroonaa taasisuu dhabuun kan hin taphatiin turan taphatoota sarara ittisaa Serge Oriyeri fi Toobii Alderwaayirdi gareesatti deebiseera.
Been Deevisi fi Maat Doohertiin ammoo miidhamaan hin taphatan.
Leenjisaan Man Yuunayitid Ole Gunar Soolshaayer, taphataan sarara ittisa bitaa Luuk Show miidhama xiqqaa irraa bayyaannachuun ni taphata jedhanii abdatu.
Maarkes Raashfoordi miidhama jilbaa isa mudatee jiruun ittuma fufee kan taphatu taha. Maarshaal bara dorgommii kanaaf deebee kan taphatu miti.
Tilmaama Laawuroo
Laawuroon tapha kana irratti akka gaafa duraa sana 6 fi 1 eeguu baadhus gareen Joosee Mooriinoo ammas tapha kana ni mo'ata jedheen yaada jedhe.
Qixa bahuun garee Mooriinoof gahaa miti. Tapha darbe kan Niwu Kaastil waliin taphatan irratti yaada isaa irratti gama ittisaan hammam dadhabaa akka turan yoo ibsu hubatta jedhe.
Tilmaama 2-1
Ragaalee taphaa
Marsaa lamaan
- Tootenahaam erga bara 1989-90 yeroo jalqabaaf tapha deebiinis mo'uu barbaadu
- Tootenahaam dirree isaanii irratti Man Yuunaayitidiin si'a 28 keessummeessanii si'a jaha qofa injifatan. Sadan sunuu waggoota shanan darban kana keessa kan argamanidha.
- Haarii Keen galchi tokko yoo lakkoofsise waggoota shaniif walitti aansee galchii PL 20 ol lakkoofsisuu isaati. Galchii Tootenahaam 51 keessaa Haarii Keenii fi Hiing Min Son galchii 40 lakkoofsisuun yookaan mijeessanii kennuun qooda keessaa qabu.
- Maan Yuunaayitid ammoo taphoota 24 keessaa tokko qofa mo'amuun saddet qixa baheera.
- Yuunaayitid tapha dirree isaaniin ala taasisan 22 walitti aansanii mo'achuun rikardii kilabichaa fooyyeessaniiru.