Waldaa Kalaqxoota Hojii Itoophiyaa hundeessuu maaliif barbaachise?

Maxxanfame

Waldaan Kalaqxoota Hojii miseensota guutuu biyyattiirraa dhufan 600 ol qabu hundaa’uu miseensonni BBCtti himaniiru.

Itoophiyaatti hundeessituu waldaa kanaa kan taateefi pirezidantii waldichaa ta'un kan tajaajiltu Saamiyaa Abduul Qaadir waldichi akka Itoophiyatti kan jalqabaati jetteetti.

Saamiyaan dhaaba gorsaa barnootaa fi hojii MView jedhamuuf hundeessituufi pireezidantii yoo taatu dhaabbatichi barnoota Itoophiyaa karaa gaariin ammayyeessuuf akka hojjetu dubbatti.

Hundeessitoota keessaa tokko kan tahe Qarramanz Kaasaayee gama isaatiin hojiilee kalaqaa maqaasaatiin galmaa’an ja'a akka qabu BBCtti himeera.

Qarramanz kalqxoonni hojii, dhuunfaa dhaan idduma fe’etti akka socho’an himuun qofaa fiiguun bu’aa ijaa hin qabneef waldicha hundeessuun faayidaa qabeessa tahuu dubbata.

Waldaa miseensa 600 ol qabu hundeessuuf kalaqxoota hojii hordoffii fi deeggarsaa yoo argatan kaanis fayyaduu danda’an jajjabeessuufi deeggaruuf jedha

‘’Addunyaan sadarkaa amma jirturra kan geesse hojii uumtotaan’’ kan jedhan Saaamiyaa fi Qarramanz kalaqxoonni hojii jiruu keenya salphisaniifi si’eessan hojjetan deeggaruun barbaachisaa tahuu muuxannoo addunyaan qabdurraa dubbatu.

Itoophiyaa keessatti hojii uumtota irratti danqaan kan baay’atu tahuu kan dubbattu pirezidantiin waldichaa Saamiyaan hojii uumtonni kana booda dhufan rakkoon wal-fakkaataa akka isaan hin mudannee yaaduun dhaabichi hundaa’uu himti.

Barnoota, teeknolojii, qonnaa fi kaanillee guddina Itoophiyaa kan qajeelchuu danda’an warreen hojii kalaqani irratti hundaa’uun tahuu kan himan dargaggoonni kuni haa tahu malee jijiiirama fiduuf danqaan akka isaan mudatu ni dubbatu.

Hojii uumtota yookiin kalaqxoota biyya keessaa walitti qabuu akkasumas kan biyyoota addunyaa waliin quunnamsiisuu, leecalloo walitti qabuu fi leenjii dandeettii guddisu miseensotaaf kennuun kaayyoo waldichaa keessaa isa tokko tahuus himaniiru.

Hojii uumtonni gara koomishinii hojii kalqaafi ministeera kalaqaa haala bittinnaa’een deemuun deeggarsa akka gaafatan kun garuu dhaabota kanaafillee rakkisaa tahu himti.

Kanaaf waldaan isaani hundaa’ee waliin tahuun dhimmoota isaan barbaachisan gaafachuufi hojii uumtoota haala gaarii taheen qabachuudhaaf gargaara.

Saamiyaan dabaluunis bu’aaa bahii hojii uumtootaas walakkaa dhaan akka hir’isu dubbatti, qaamolee mootummaa garagaraa waliin hojjechuu akka fedhanis himti.

Dargaggoonni kuni yoo rakkoon isaan mudate isaanis tahe biyyi bu’aafi tajaajila malu argachuurraa akka hanqatan kan hubachiistu Saamiyaan hojii kalaqxoonni kunneen walii waliisaanii akka wal deeggaranis ni taasisa waldichi jetti.

Barnoota idilee keessatti dargaggoon baayyee hojii uumtota akka tahan osoo hin taane hojii qacaramuu akka barbaadan kan taasifaman yoo tahu waldichi miseensotasaaf leenjii dandeettii fi of guddisuu akka kennu dubbatti.

Hojii uumtoonni odeeffnnoo sirrii tahe gama argachuun qaawwii akka jiru himuun waldichi dhimma kana furuuf akka hojjetus ibsiteetti.

Kana malees yeroo seerri haaraa bahu, eessa deemuu akka qabanifi dhimmoota hojiimaataa biroo irratti waldichi deeggaruufi odeeffannoo dhiyeessuuf akka hojjetu himti.

Hojii uumtota kalaqa wal-fakkaataa qaban walitti fiduun akka wal-deeggaraniifi odeeffannoo wal-jijjiiraniif haala akka mijeessan ni himu hundeessitoonni kunneen.

Dureessota, mootummaa fi dhaabota miti-mootummaa tahan waliin qunnamsiisuun kaayyoo isaanii isa biraa tahuus Saamiyaan ibsiti.

Dargaggoonni yaadota qaban hojiitti geeddaruuf dhimmoota danqaa tahan keessa tokko maallaqa yoo tahu kanaaf madda maallaqaa barbaaduufi argachuun dhimmoota irratti hojjechuuf jiran keessaa tokko dha jetti Saamiyaan.

Waldaan hojii uumtota dargaggootaa iddoo hundumaatti waajira banuuf kayyoo qabaachuu kan himtu saamiyaan afaanota garaagaraan karaa sabaa-himaalee odeeffannoo tamsaasuuf qophaa’uu himti.