Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiriidoo ‘piraank’ godhaman

Maxxanfame

Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Tiriidoon namoota beekamoo kiyyoo warra namatti qoosan (prankster) gowwamfaman keessaa tokko tahaniiru.

Jarri shamarree rogeettii kunuunsa naannoo Gireettaa Taanbargiin of fakkeessan.

Sagaleen waraabamaa Tiriidoon hiriyyoota itti qoosan Vilaadmiirii Kuuzneetsoovii fi Aleeksii Istooliyaaroovitti yeroo haasa’an dhaga’amu saaxil-baheera.

Ministirri mummee kun gaaffii nama Taanbargiin fakkeeffamerraa dhagahamuun dhimma NATO, nagaa addunyaa fi Donaald Tiraamp irratti haasa’aa turan.

‘’Hogganaa biyya addunyaa tokkoof bilbilli sobaa akkasii kun kan jalqabaa miti,’’ jedhe waajirri isaanii.

‘’Ministirri Mummee Tiriidoon bilbila sobaa akka tahe baranii yeroodhumaan cufan,’’ jechuun waajjirri ibsa kennerratti himeera.

‘’Heeloo Gireetta!’’ jechuun jalqaba sagaleen waraabame.

‘’Akka ati dalagaa baayyee qabduufi shamarree akka koo tokkoof yeroo hin qabne beeka garuu waa’een rakkoo wal-xaxaa addunyaa na yaaddessa,’’ jechuun sagaleen bilbila keessaa isaanitti deebisa.

Kuni otoo hin tahiin guyyyoota muraasa dura xiyyaarri Yukireen PS752’n balali’aa ture itti dhukaafamee magaalaa guddoo Iraan Teeraanitti lafatti kufee ture. Muddama Ameerikaafi Iraan gidduus jirus dabaluuf kaayyefame jedhamees ture.

Imaltoonni xiyyaaricha keessa jiran marti, lammiilee Kaanaadaa 57 dabalatee lubbuu dhabaniiru.

Tiriidoon sagalee bibila keessaa Gireettaa akkeessitu,’’ biyyooti kunneen muddama keessa jiru akka qabbaneessan bilbilli baayyee akka isaan qaqqabu,’’ itti dubbata.

Ammas sagaleen kun warreen hoggantoota addunyaa jedhaman, ’’ga’eessota taatanillee akka daa’imaati dalagaan keessan,’’ itti jetti.

‘’NATO dhiisaa, waraana keessan lafa kaa’aa, abaaboo qabadhaa, uumama wajjin koflaa,’’ jetti.

Yaada hin baratamne dhagahan hubachaa Tiriidoon ‘’ilaalchaafi’’ ‘’jechoota marartee’ isheef Gireettaa galateeffatan.

Yeroo waa’ee Pireezidant Donaald Tiraamp gaafattu –'abaarsa' jechuun isaan ibsite - Tiriidoon immoo ‘’itti gaafatamummaan isaa hoggantoota addunyaa namoonni kaan filatan waliin hojjechuu ture,’’ jechuun deebisa.

‘’Namoonni waa’eesaa baayyee akka itti dhagahamu nan hubadhas,’’ jedhu Tiriidoon.

Hiriyyooti waan qoosaa dalagan kunneen kana dura Eltan Joon, Ilma mootii Heerii, pireezidantii itti aantuu Kamaalaa Haariis fa’irratti yaalanii turan.

Bara 2018'tti akka ministira mummee Armeeniyaa tahuun Ministira Haajaa Alaa UK yeroosii Booriis Jonsaniif bilbilanii turan.

Qeeqxonni hiriyyoota piraank godhan kana tika Raashiyaa waliin hidhata qabu jedhanillee isaan ni haalu.

‘’Nuti dhimma ofii keenya irratti fedhii qabnu qofa filanna,’’ jechuun Kuuzneetsoov bara 2016'tti The Guardian’tti himee ture.