Benjamin Acheampong: Taphataa kubbaa miilaa doolaara miiliyoona tokko 'gowwomfame'

Benjaamin Acheyaampong
Maxxanfame

Beenjaamiin Acheeyaapoong yeroo tokko kilaba kubbaa miilaan qarshii doolaara miiliyoona tokko akka hin arganneef gowwomfameera jechuun hime.

Taphataan lammii Gaanaa kuni bara 2018tti doolaara miiliyoona 1 kilabni Masrii Zamaaliik kaffaluufi dide, dhaddachi ispoortii (Cas) gidduu galee akka kaffaluuf ajajullee taphatichi cabduun farankaa na harka hin geenye jedhe.

‘’Kuni sirrii miti-kuni hojii koo maatii ittiin bulchu dha,’’ jedhe taphataan ganna 30 BBCtti yoo himu. ‘’Nama akka bineensaatti ilaaluu hin qaban. Namoota asitti hojjechuu dhufne dha,’’ jedhe.

Dhaddachi ispoortii(Cas) kuni kilabni guddaa Afrikaa kun waan ‘namuusa hin qabne, doorsisaafi gara-laafina hin qabne’ raawwate jedheen.

Beenjaamiin kilaba kaayiroo kana waliin waliigaltee waggaa afurii ture bara 2017'tti kan mallatteessee ture. Haa tahu malee, kontiraati isaa baatii 11 booda diigeera, Zamaaliik takkaa sirnaan naa kaffalee hin beeku jedha.

Ergisa baatii shaniin kilaba Masrii Peetroojeet bara 2018tti yoo seenu miindaa Zamaaliik irraa argatu akka hin dhabne itti himameeti ture.

Garuu otoo hin beekiin doolaara miiliyoona tokko dhabeera jedhe.

‘’Eenyuyyuu kana hin raawwatu,’’ jedhe Beenjaamiin. Bareen waan ani mallatteesse yoo jiraate isa kan Peetroojeetii dha jedhe.

Baatii Mudde keessa Cas Beenjaamiin waliigaltee diiguuf sababa baayyee qaba jechuun amma Zamaaliik doolaara miiliyoona 1.1 kaffaluufifii qaba jedhe.

Kilabni Zamaaliik xalayaa Fifa dhaaf barreesseen ‘’waan hunda bakka bu’aa taphataa kana waliinan qindeessinee, innis doolaara 250,000tti waliigalee,’’ jedhe.

Bakka bu’aansaa Naadiir El Sayiid immoo ani kana booda Beenjaamiinin bakka hin bu’u jedhe.

El Sayiid waliigalteensaa qarshii harka 20 akka argatu hima. Ragaan isaas seera qabeessa akka tahe hima.

Beenjaamiin isa Zamaaliik doolaara miiliyoona tokko kaffala jedheenis tahe isa doolaara 250,000 hin arginee jedhe. Haa tahu malee maqaasaatiin bahee doolaarri 250,000 El Sayiidiif kennameera.

Gaafa Kamisaa FIFA’n himannaa namuusaa Zamaaliik irratti kan bane yoo tahu taphataa akka hin dabarsine/hin ergisne gochuu yoo dhorku, qabxiis irraa hir’isuu mala.

‘’Adabamuu qabu’’ jedhe Beenjaamiin.