Fonqolcha Miyaanmaar: Miyaanmaaritti mormiin itti fufuun, waraanni to'achuuf daandii dhuunfateera

Maxxanfame

Gareen mormitootaa muraasni Miyaanmaaritti walitti qabamuu wayita eegalan, waraanni biyyattii ammoo daandii magaalota hedduutti bahaniiru.

Waraanni daandiiwwaniirratti as bahanii argamuun, warra fonqolcha Guraandhala 1 mormanii dhabamsiisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Namoonni kuma dhibbaan lakka'aman guyyoota kurnan darbanitti as bahuun, demookraasiin akka deebiyu gaafatan.

Kana malees, hooggantoonni isaan filataniifi hidhaa jiran akka gadhiifaman gaafatan.

Haatahu malee, Wiixata har'aa, hooggantuun duraanii Aung San Su Kyi ammallee guyyoota lamaaf to'annoo jala akka turtu abukaatoon ishee himan.

Isheefi gaggeessitoonni mootummaa biroo Guraandhala 1 ganama keessa marfaman. Haatahu malee, hidhaanshee hardha xumuramuutu irra ture jechuun Rooyitars gabaase.

Paartiin ishee filannoo Sadaasa darberratti sagalee caalmaan injifatus, waraanni garuu filannichi burjaaja'eera jedha - ragaa garuu hin dhiyeessine.

Oduun kun kan dhagahame erga biyyattiitti tajaajili intarneetii irra deebiin jalqabe booda.

Biyyoonni addunyaa kaan maal jedhan?

Qondaalli UN tokko waraanni uummatarratti ''waraana labse'' jechuun himate.

Ergamaan addaa UN Miyanmaar kan tahan Tom Andiriiws, jeneraalonni waraanaa ''mallattoolee sodaa'' agarsiisaa jiru jechuun, itti gaafatamummaa jalaa hin bahan jedhan.

Embaasiwwan biyyoota lixaas, waraanni biyyattii humna garmalee fayyadamuurraa akka of qusatu gaafatan.

Ibsi Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaafi UKn mallattaa'e waan jedhu: ''Humnootni nageenyaa kanneen hiriira bahan irratti haleellaa akka hin geessisne ni dhaamna. Hiriirtoonni kun fonqolcha mootummaasaanii seera-qabeessa tahe mormaa jiru.''

Waa'ee Miyaanmaar

  • Biyti Miyaanmaar maqaa Barmaa jedhamuunis ka beekamtu oggaa tahu, wayita juuntaan waraanaa 1962 haga 2011 bulchaa turetti, addunyaarraa foo'amtee yeroo dheeraaf turte.
  • 2010tti sadarkaa sadarkaan bilisoomaa dhufuun, 2015tti filannoo gaggeessite. Kanaanis mootummaan hooggantuu paartii mormituu yeroo dheeraa kan taate Aung San Suu Kyi'n gara aangootti dhufte.
  • 2017tti waraanni biyyattii miidhaa Muslimoota Roohingaa irra gaheen, walakkaa miiliyoonaa ol kan tahan daangaa ce'anii baqachuun Baangilaadesh galan. Boodarra UN ''kuni fakkeenya sirrii duguuggaa sanyiiti'' jedhe.
  • Aung San Suu Kyi fi mootummaan ishee fonqolcha waraanaan Guraandhala 1 aangoorraa ari'aman.