Dimokiraatonni Tiraamp balleessaan itti muramuu baannaan ammas hokkora kaasuu mala jedhan

Deggartoonni yeroo hokkara kaasan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deggartoonni yeroo hokkara kaasan
Maxxanfame

Dimokiraattonni yoo Tiraampitti balleessaan hin muramne ''ammas hokkora kaasu mala''jedhanii akeekkachisan.

Ogeeyyiin seeraa jechoota himaticha dhiyeessan Tiraampi jeequmsa uumame wajjin hidhata qabaachuu kaasuun, hokkorri ji'a darbe uumame miidhaa yeroo dheeraaf turu qaqqqabsiisu danda'u falman.

Kana malees, Dimokiraatoonni kan poolisiin, qaamoleen tika biyyattii, hojjattoonni fi miidiyaalee biyyoota alaa himan falmii seeraa itti fufe kanarratti dhiyeessan.

Kun otoo kanan jiruu, gartuun ogeeyyii seeraa pirezedantii duraaniif dhaabatan immoo Jimaata yaada falmiisaanii ni dhiyeeffatu.

Manni maree bakka bu'ootaa biyyattii Dimokiraatotaan hogganamu,Amajjii 6 hokkora kaasuun pirezedant Tiraamp himachuun, ji'a darbe adeemsa aangoorraa buqqisuu jalqabuu ni yaadatama.

Seera baastonni Ameerikaa himannaa isaanii torban kana keessa Seenetiif qorannicharratti dhiyeessuuf jiru.

Abukaattoonni Aab Tiraamp garuu Sadaasa darbe wayita pirezedantichi filannoo burjaajja'u dubbatan, mirga bilisaan yaada ofii ibsachuutti fayyadamuu isaaniiti jedhanii falmaniif.

Aab Tiraampitti balleessaa muruuf Seneetii keessatti harka sadii keessa harka lamaatu murtee dabarsuuf barbaachisa.

Dhimmichi Seneetiin biyyattiis iddoo lamatti kan qoode wayita ta'u, Rippaabilikaanoonni harka caalan Tiraampif amanamoo ta'an deeggaruu itti fufaniiru.

Tiraampitti balleessaan yoo murame garuu, Seenetiin Ameerikaa marroo lammataaf akka waajiratti filatamee hin deebine ugguruuf jiru.

Hokkorri Kaappitaal Hiilitti dhalachuun lubbuu namoota shanii dabarse irratti deeggartoonni Traamp firiin filannoo akka hin raggaasifamne dhaabsisuuf yaalaa turan.

Dimokiraatoonni maal jedhan?

Roobii darbe kana viidiyoon haaraan Tiraamp hokkora kaasisuun himataman gadhiifamera.

Dimookiraatoonni garuu, akkatti Tiraamp haleellaa Kaappitaal keessatti kaasuun, sududaan teessoo Seneetii fudhatan akka bal'inaan dhiyeeffamu barbaadu.

Kamisa darbe kana Dimokiraatoonni miidhaa Aab Tiraamp lubbuu namaa, qabeenya fi dimokiraasirratti qaqqabsiise jedhan gunduunfasaa ka'uun eegalaniiru.

Miseensi Kongiressi Ted Liyu, wayita dhimmichi qoratamaa jirutti''Tiraamp buqqisuu, balleessaa itti muruu fi waajjiratti akka hin deebine ugguruun isa darbeef otoo hin taane, isa gara fuulduraatiif,''jedhan.

''Pirezedantiin fuulduratti aangoo qabatu kamiyyuu, qondaalli biraas waan walfakkaatu akka hin raawwannee mirkaneessuufi''jedhaniiru.

Abukaatoon mana marichaa Joo Neguse, Tiraamp nama haasaa wal falmisiisa dubbatu qofaa miti, pirezedantichi deeggartoosaa hokkoraaf kaasuuf jedhanitti haasa'aa ture''jedhan.

Dimokiraatonni viidiyoo namoonni hokkora kaasan Waashingteen D.C kan dhaqaniif pirezedant Tiraamp akka dhaqan waan barbaadaniif ta'u dubbatan agarsiisu dhiyeessaniiru.

Maneejarri Mana mariicha namni biroo Deevid Sisilinii jedhaman, viidiyoo fi barrreeffamoota

mana murtiitti eerun''miidhaan Kongiresii fi adeemsa Dimokiraasirra gahuusaa'kaasaniiru.

Kana malees, namoonni hokkora kaasan Pirezedantii itt aanaa duraanii Maayik Peensi fi afyaa'ii mana marichaa Naansii Peloosii ajjeesuuf karoorsu amanuu isaanii itti dabaluun dubbata.

Aab Sisiliniin''Enyumti keenyayyuu hirirtoota pirezedantii Ameerikaf bahaniin ajjeefamna jennee yaadne hin beeknu,''jedhan.

Kana malees, hojjattoonni yeroo Kaappitaalitti hokkorri dhalatu achi turan waanta mudate namoota biroof qoodaniiru.

Hojjattuun achii turte tokko hokkora sana booda hojiishi akka dhiifte, haati ijoollee sadii taate tokkos hokkorichi miira tasgabbiin iddoo hojiitti qabaachuu qabu jeeqe''jechuu isheelle kaase.

Aangoo irraa buqqisuun maali?

Aangoorraa buqqisuu jechuun wayita pirezedantiin aangoo qabu yakkaan himatamuudha.

Dhimma kanaan pirezedantiin duraanii Ameerikaa Tiraamp diddaa mootummaarratti kakaasuun himataman.

Amma yoonaatti maaltu ta'e?

Manni mare bakka bu'oota biyyattii marroo lammaffaaf Tiraamp buqqisuuf gaafa Amajjii 13, bara 2021 filannoo gaggeesseera. Filannoon kun garuu erga barri hojii Tiraamp goolabamee torban tokko booda ture.

Seneetiin biyyatti ammas dhimmicha qorachuutti jira.

Kana jechuun maal agarsiisaa?

Tiraamp aangoorra waan hin jirreef kana booda Seneetaroonni akka waajiratti si'a lammaffaa hin deebine ugguruuf filannoon murteessu- kan daangeeffamu garuu yoo baleessaan itti murame qofa.

Dimookiraatonni garuu Tiraamp biyya keessatti tasgabbii fi ejjannoo biyyattiin sadarkaa idila addunyaatti qabdu 'yeroo dheeraaf akka turutti' miidhaa qaqqabsiseera jedhanii falmutti jiru.

Maneejarrii dhimma buqqisii Diyaanaa Digitti, Tiraamp gartuun fiinxaaleeyyii biyya keessatti hammeessuusaaaniif itti gaafatamummaa fudhachuu diduu fi Biiroon qo'annoo yakkaa Ameerikaa FBI kan hamoo ta'uu hime fudhachuu diduusaanii kaasan.

Miseensi Kongiressii biyyatti Jaquyiin Kaastiroo, miichuwwan Ameerikaa yeroo halleellaa qaqqabeen wayita naasu keessa seenan, morkitoonni immoo US tti qoosaa turan jedhan.

Itti dabaluudhaan,''addunyaan nu hordofaa, amma jenne akka geenyu ajaa'ibsifataa turte''jedhan Kaastiroon.