Fayyaafi miidhagina: Dubartiin dogogoraan haphee fayyadamuun buqqeen mataafi rifeensi walitti dhine wallaansa argatte

Dr Michael Obeng

Madda suuraa, Dr Michael Obeng/ Instagram

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dubartiin Gahanaa tokko rifeensashee akka walitti qabuuf jecha haphee ‘Gorila Glue’ jedhamu fayyadamuun rifeensiifi buqqeen mataa walitti dhinee rakkaataa akka jirtu miidiyaa hawaasaarratti torban darbe himachaa turte.

Dubartiin maqaan ishee Tessica Brown jedhamtu kun waan ishee mudate viidiyoo waraabdee TikTok irratti gadhiiste.

Bakka biifaa rifeensaa duraan baramee ‘Gorilla Glue’ fayyadamnaan rifeensi mataakoo walitti gogee hafe jechuun ibsite.

Hapheen ‘Gorila Glue’ jedhamu kun yeroo baayyee seraamikii, mukaafi dhakaa hafame walitti qabsiisuuf gargaara.

Ogeessi dubartii Aadde Tessica Brown jedhamtu kana erga mudannoo ishee kanarratti viidiyoo gadhiiste argee gadduufiin akka bilisaan wallaansa taasisuuf waadaa galuun isaa ni yaadtama.

Ogeessi fayyaa US hiddi dhaloota isaa Gahanaa ta'e kun haaluma waadaa galeefiin haphee mukaafi seraamika walqabsiisuuf gargaaru kana mataa dubartii kanarraa qulqulleesseeraaf.

Dr Mikaa'el Obeeng wallaansa kana milkaa'inaan zumuruudhaaf saatii afur itti fudhate.

Tilmaamni baasii isaas dolaara 12,000 ta'a jedhameera.

Dr. Mikaa’el Obeeng viidiyoo seenaa dubartii rifeensa miidhagfachuuf jecha waan hin taane fayyadamte kanaa argee hedduu qalbiikoo na qabate jechuun buufata TV Los Anjeles CBSNtti hime ture.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Viidiyoo gadhiifte sana keessatti Aadde Tessica Brown rakkoon erga ishee mudatee ji’arra kan darbe yoo ta’u, haphee sana ofirraa balleessuuf waan baayyee dhamaatus hin milkoofne.

“Wanti kun dhugaa akka ta’e yeroon argetti, wanti gochuun danda’amu akka namaatti Tessica ‘tiif gara laafina agarsiisuudha,” jedhe Dr. Obeng.

Ogeessi fayyaa kun mala ittiin isheen wallaanamuu dandeessu barbaadaa akka jiran himuun, rakkoo ishee kanaaf addatti fala kan ta’u ni qabna jedhees ture.

“Akka dhukkubiin tokkollee itti hin dhaga’amnetti mala adoochaa waliigalaatiin hojjetama.”

Dr. Obeng dubartii kanatti kan dubbate yoo ta’u haphee mataasheerratti goge kana irraa balleessuudhaan rifeensiifi mataanshee akka oolu taasisuudhaaf karoorfataa turan. Kunis kan raawwatamu keemikaala wallaansaa addaatiin jedhe.