Fonqolcha Tiraampi: Seeneetiin qorannoon Tiraampiin aangoorraa fonqolchuun seera qabeessa waan taheef itti haa fufu jedhe
![Yeroo Doonaaldi Tiraampi Waayit Haawus alaa dubbatan [ kuusaa keessaa] Waxabajji bara 2020](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/2DF8/production/_116886711_gettyimages-1227374732.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images
Seeneetiin Ameerikaa qorannoon pirezidaantii duraanii Tiraampiin aangoo irraa fonqolchuu seera qabeessaa jechuun akka jalqabuuf eeyyama guutuu kenne.
Gareen seeraa Tiraampi ammoo Waayit Haawusii waan baheef qoratamuu hin qabu jechuun falmu.
Haa tahu malee seeneetiin US sagalee 56-44 tahuun akka qorannichi itti fufu kan filatan yoo tahu, namootni baay'een paartii Rippaabilikaanotaa keessaa akka qoratamuuf sagalee kennaniiru.
Tiraampi yeroo Kaappitol Hiil weerarame ''hookkara kakaasuun'' himatame.
Deeggartootni Tiraampi kumaatamni himannaa sobaa filannichi burjaaja'eera, ani hin mo'amne jechuun kaasan deeggaruun waliitti qabamanii ture.
Dimokiraatotni kaleessa Kibxata 9 bara 2021 himannicha yeroo jalqaban, viidiyoo Tiraamp gaafa Amajji 6 bara 2021 dubbachuun deeggartootni isaa hookkara kaasan dhiyeessuun eegalan.
"Sun yakka guddaa fi balleessaadha,'' jedhan bakka bu'aa Meeriilaandi Jaamii Raaskiin viidiyicha irratti. "Kun balleessaa aangorraa hin buqqaasifne taanaan, wanti akkasiyyuu tasumaa hinjuru jechaadha,.''

Madda suuraa, Reuters
"Kun fuulduree Ameerikaa tahuu hin danda'u,'' jechuun senaaterootati hime.
''Pirezidaantota mootummaa fi dhaabbilee keenya irratti hookkara kakaasan qabaachuu hin barbaannu. Sababni isaas heera Ameerikaa jalatti fedha uummataa fudhachuu waan didaniif.''
Fonqolcha qondaalota aangoo gadhiisan irratti gaggeessuun kan ''Amajjii irratti qofa'' kan hundaa'e tahuu hin qabu miidhaa dhufuu malu hanbisuuf jechuun falmaniiru.
Gareen seeraa Tiraampi duraa duubaan adeemsa seeraa kan eeggate miti jechuun falman.
Abbaan alangaa duraanii Peniselvaaniyaa Biruus Kaaster, kan amma garee abukaatoo Tiraamp keessa jiranii; falmiin isaan dhiyeessan kanneen Tiraamp deeggaran irraa otoo hin hafin mormiin isaan mudateera.
Abukaatoon Tiraamp biraa Deevid Socheheen ammoo, viidiyoo bara 2017 agarsiisuun, seera baastotni Dimokiraatotaa fonqolchaaf ''fedhii hin quufamne'' akkamii akka qaban ibsan.
Waanti isaan maqaa heera mootummaan asitti milkeessuu barbaadan Tiraampi irra deebiin aangoo siyaasaaf akka hin dorgomne gochuudha. Haa tahu malee isaan eenyu irrattiyyuu yoo xiyyeeffatan faallaa heerichaati.''
Miidiyaaleen Ameerikaa hedduun akka gabaasanitti Tiraampi haala itti abbootiin seeraa isaanii falman ilaaluun itti aaraniiru.
Maaltu itti aana?
Garee lameen himata isaanii dhiyeessuuf sa'aa 16 qabu.
Roobii sa'aa laaqanarra eegala. Falmiin kun hanga torbeetti itti fufuun senaaterootni carraa garee lamaan gaaffii gaafachuu qabaatu.
Gareen fonqolcha kana hogganan ragaa qopheeffachuuf yeroo isaa dabarsuuf dhiisuun isaa hin baramne. Garuu Tiraampi ofuma isaanii dhiyaachuun akka yaada kennan himaniiru.
Abbootiin seeraa gama lamaanuu yeroo Joo Baayiden deeggarsa koroonaavaayirasii irraa bayyaannachiisuu gaafataa jiranitti qorannichi ariitiin akka gaggeeffamu barbaadu.
Yeroo gabaabaa keessatti seneetiin Tiraampiin himachuu ykn bilisa baasuuf sagalee kenna jedhamee eegama.














