Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Riizoortiin Sodaree haala kamiin deebi'ee baname?
Riizoortiin Sodaree bara darbe sababa ''galii mootummaadhaaf galchuu malu hin galchinee fi babal’fannaadhaan qonnaan bultoota buqqise'' jedhuun cufamee ture.
Jalqaba bara kanaa irratti garuu dhimmoonni ijoon ittiin cufame jedhaman kunneen osoo murtii hin argatiin dursuun rizoortichi Onkololeessa 16 irraa eegaluun banamee hojii akka jalqabu murtaa’e.
Hojigaggeessaa olaanaan Hoteela Rizoortii Sodaree obbo Digoo Leenjisoo akkaataa Rizoortichi ittiin deebi’ee baname yoo ibsan, “Dhimmoonni yeros akka cufamuuf sababa tahan ammas mana murtiitiin qabamee jira jechuun BBC'tti himan.
Dhaabbatichi garuu hanga dhimmi kuni murtii argatutti cufamee taa’uu hin qabu kan jedhuuni Koreen Godinaa fi aanaa dhufee ilaalee akka banamu taasifame," jedhan.
Ganna darbe yeroo Rizoortichi cufamee turetti lagni Awaash humnaa ol guutee dambali’uun qabeenyi Hoteelichaa harki caalu mancaatiif saaxilamuus dubbatan.
“Meeshaa mana keessaa hunda, siree fi meeshaalee pirojektii hunda dabalatee mancaase. Qabeenya dhaabbataa waliigalatti birrii miilyoona 12 caalu lolaan kan mancaase. Kuni kan meeshaa malee manneen manca’an osoo hin dabalatini” jedhan.
Mooraan Rizoortichaa lolaadhaan guutamee waan tureefis mooraa isaa qulqulleessuun humna nama hedduu hirmaachiseen qulqulleessuun torbeewwan sadii akka itti fudhates dubbatan.
Manneen laga Awaash cinaatti ijaaraman hedduun lolaadhaan miidhaman haaromsuun kaappitaala guddaa waan gaafatuuf jechas ammatti iddoowwan keessummoonni itti bashananan qofa sirreessuun hojii akka jalqabanis hoji gaggeessaan kuni himaniiru.
Hoteelli Rizoortii Soodaree waldhibdee dhaabbatichaa fi Mootummaa gidduu tureen ji’oota torbaaf cufamee kan ture yoo ta’u ji’oota cufame kanattis bu’aan argachuu danda’u birrii miiliyoona 50 ol dhabeera jedheera dhaabbatichi.
Rizoortichi walakkeessa ji’a sadaasaa irraa eegaluuni banamee hojii tajaajila kennuu kan jalqabe.