Dippiloomaatiin Iraan, Firaansitti boombii dhukaasuuf karoorfatee ture hidhaa waggaa 20'n adabame

Maxxanfame

Dippiloomaatiin Iraan, hiriiraa Firaans keessatti paartii mormiituu biyyaa baqateen qophaa’e irratti boombii dhukaasuuf karoorfate hidhaan irratti murtaa’e.

Assadollaah Assadi, ganna 49, Veenaatti imbaasii Iraan keessa hojjachaa ture, mana murti Beeljiyeem, Antwerp jirutti hidhaan wagga 20 itti murtaa’e.

Erga warraaqsa bara 1979 as, Gamtaa Awurooppa keessatti qondaala Iraan irratti himmannaan akkanaa yeroo dhiyaatu kun kan jalqabaadha.

Namootni sadii biroos himatamaniiru. Namootni kun to’annoo jala kan oolan hojii walinii poolisiin Jarmanii, Fireench fi Beljiyeem tasiisaniini.

Abukaatoo Doonald Tiraamp dabalatee, Ruudii Juliyaani dabalatee namootni kumaatamaan lakkaa’aman hiriira Paaris alatti Waxabajjii 2018 gaggeeffame irratti argamanii turani.

Haleellaa karoorfamee ture kanaaf Firaans Ministira Tikaa himachuun qabeenya qondaaltoota rogeeyyi Iraan lama to’attee turte.

Iraan garuu haleellaan jedhame kun soba jetti.

“Murteen kun: dippiloomaatiin yakka raawwate jalaa miliquu akka hin dandeenyee fi haleellaa hamaa ta’uu danda’u tureef itti gaafatamummaa bulchiinsa Iraan agarsiisa,” jechuun abbaan alangaa Joorji-Henrii Buutiyee Reuters’tti himaniiru.

Hoggaantuu gartuu haleellaan kun irratti gaggeefamuuf turee kan taate Meeryaam Rajavii murteen kun, “uummataa fi warraaqsa Iraaniif injifannoo guddaa, bulchiinsa jiruuf ammo kufaatii dippiloomaasii fi siyaasaa guddaadha,” jettetti.

Assaadiin Waxabajjii 2018 keessa erga lammile Beeljiyeem dhalootaan Iraan irraa ta’an waliin Luksimbaarg, mana nyaata Pizza Hut keessatti erga wal argee guyyoota muraasa booda to’annoo jala oole.

Nasimee Naamii fi Amiir Saadonii boombii kilo walakkaa ta’u qabatanii kan Biraasilsi keessatti to’annoo jala oolan yoo ta’u, kanas walga’ii paartii mormiituu Iraan Firaan jiran irratti fayyadamuuf akka turan abbootiin alangaa himaniiru.

Namootni kun lamaan meeshaa samsame Assaadi irraa fudhachuu amananis, maal keessa akka ture garuu hin beekne jechuun haalaniiru.

Namni inni afraffaan, walaleessaa Beljiyeemi fi Iraan Merhaad Areefani haleella karoorfame kana keessaa harka qaba jedhamuun Paariis keessatti to’annoo jala oole.

Sadan isaanii haleellaa kana karoorsu keessatti harka qabu jedhamuun hidhaa wagga 15 hanga 18 irratti murtaa’eera.

Haleellaan kun xiyyeefatamee kan ture hiirira Waxabajjii 2018 tti paartiin biyyaa baqate National Council of Resistance of Iran (NCRI) jedhamu Paaris alatti qopheesse irratti ture.

Hiriira kana irratti namoota siyaasaa addunyaa beekamoo dabalatee lammilee Iraan Awurrooppa keessa jiraatan kumaataman lakkaa’aman hirmaatanii ture.