Pirezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuliin talaallii Covid-19 ija shakkiin ilaaluu qabna jedhan

Madda suuraa, AFP
Pirezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuliin ragaa quubsaa otoo hin dhiyeessiin hawaasa miidhuu danda’u jechuun talaallii koronaavaayirasii fudhachuu dhimma ilaallaturratti qondaalota fayyaa biyyattii akeekkachiisan.
‘’Ministeerri fayyaa kanarraa of eeggachuu qaba, osoo hin qoratiin talaallii kanatti fiiguu hin qabani. Talaalliin hundi nun fayyadu. Kanaafuu, of eeggachuu qabna. 'Akka booyyee Giiniitti' nurratti shaakkaluu hin qaban,‘’ jedhan Aab Magufuliin.
Itti-dabaluun akkas jechuun dubbatan Magufuliin: ‘’Talaalliin hamaadha. Namni adiin talaalliwwan osoo argate ta’ee, talaallii AIDS, kan Kaansariifi dhibee sombaa ammuma argata ture," jedhan.
Gabaastuun BBC Filiippaa Rooksbayi, talaallichi namoota kuma hedduutti lakka’amaan hirmaachisuun of-eggannoodhaan gaggeeffamuun dura to’attootaanis sakatta’amaa ture jette.
Qaamoleen to’annoo talaallichi namoota kan hin minee ta’uufi bu’a qabeessummaasaa dursanii hordofuun tajaajila hawaasaa bal’aa oolchuu kaafte.
Kaayyoon talaallichaas lubbuu dhibee namootaa galaafaturraa baraaruu akka ta’e kaafte Filiippaa Rooksbayi.
Pirezedant Magufuliin lammilee Taanzaaniyaa akka of eeggachuu itti fufan waamicha dhiyeessun cinaatti, koronaavaayirasiif falli sirriin kadhachuu, dawaa aadaafi waan ho’u itti ulaachuufaa akka ta’e gorsan.
‘’Biyyoonni hedduun uggura sochii labsan, taatullee Taanzaaniyaan karoora uggura labsuus hin qabdu. Kanaan duras hin qabnu, sababni isaammoo Waaqayyoo keenya jira, isatu nu eega," jedhan.
Pirezedantiin biyyattii amantii Kiristaanummaa Kaatoliikii hordofan Joon Magufuliin, biyyisaanii Covid-19 irraa bilisa jechuun bara darbe labsanii turanillee, tibbana waldaan Kiristaanaa Kaatolikii lakkooofsi namoota magaalaa biyyattii keessatti du’anii dabaluun akka isaan yaaddeesse ibsuu hordofuun waldicha osoo hin qeeqiin hafan.
Waldaan Kiristaanaa Kaatolikii, "Taanzaaniyaan dambalii tamsa’ina vaayirasii haaraaf saaxilamte," jechuun Kibxata ibseera.
’’Biyyi keenya odola miti, of eeggaannee, Waaqayyoo weerara kanarraa akka nu baraaru kadhanna," jedhee ibse.
Qeesiin Dar es Salaam Yudaa Tadahii Ruwachii jedhamu, "Koronaaan hin banne, ammayyuu as jira, of eeguu qabna. Harka keenya saamunaafi bishaaniin dhiqachuu qabna, maaskii keewwachuutti deebi’uu qabna," jedhe Sambata darbe.
Pirezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuliin garuu, lammileen Deenmaark biyyattii daawwatan lama Koronaavaayirasii gosa haaraa Afrikaa Kibbaatti argameen qabamuusaanii hin ibsine.
Joon Magufuliin lammilee biyyasaanii biyyoota hambaatti imalanii, "Koronaa haaraa adda ta’e gara biyyatti galchan," jedhanii balaaleeffatan.
Taanzaaniyaan bara darbe raga namoota vaayirasichaan qabaman ibsuu dhiifte.














