MM Jappaan ministiroonnisaa halkan mana shubbisaatti argamuusaaniif dhiifama gaafatan

Nama mana shubbisa halkaniitii bahu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ministirri Muummee Jappaan ministiroonni isaa seera cabsanii halkan mana shubbisaatti argamuu isaaniitiif dhiifama gaafte.

Jappaanitti aanga’oonni biyyattii weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf qajeelfama darbe cabsanii mana shubbisa halkanii deemuun isaanii qeeqa guddaa kaaseera.

Kana hordofuudhaan Ministirri Muummee biyyattii maqaa ministirootasaaniitiin uummata dhiifama gaafachuuf dirqameera.

Mootummaan irra deddebiyuun uummanni walga’iiwwan barbaachisoo hin taane akka dhiisu dubbataa kan ture yoo ta’u, haala kana ministiroonni kabajuu dhabuun isaanii garuu falmsiisaa ta’eera.

“Lammileen keenya halkan saatii lamaan booda gara restoraantii deemtanii akka hin nyaatne, akkasumas barbaachisaa kan hin taaneefi wanta atattamaan barbaachisaa ta’erraan kan hafe mana keessanii hin ba’iinaa yeroo jedhaa jirrutti kun uumamuu isaa baayyee gaddeera,” jechuun MM Yoshihiidee Suugaa har’a paalaamaaf ibsaniiru.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa Jappaan gabaasanitti, ministitti tokko torban darbe restoraantii Xaaliyaan keessatti irbaata erga nyaatanii booda gara manneen shubbisaa halkanii lama magaalaa guddoo Jappaan Tookiyoo walakkaatti argamtuutti qajeelan jedhame.

Akkasumas ministirri biraan ammoo kilabii beekamaa Giinzaa jedhamu irra deddeebiin deemuu isaa miidiyaan gabaaseera.

Magaalaa Tookiyoo weerarri koronaavaayirasii irra deebiin hammaate keessatti aanga’oonni yeroo muddamaa labsaniiru.

Jappaanitti namoonni kuma 370 ol koronaavaayirastiin kan qabaman yoo ta’u, namoota kuma shanii olis dhibee kanaan dhabdeetti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa