Covid-19: MM Itaalii guddoo erga qeeqamanii booda aangoo gadi dhiisuuf

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Itaalii Giuseppe Conte weerara koronaavaayirasii to'achuurratti dadhabina agarsiisaniiru jedhamuun erga qeeqamanii booda aangoosaanii gadi dhiisuuf jedhu.
Biyyattii keessatti namoonni 85,000 caalan koronaavaayirasiin du'aniiru.
Torbee darbe filannoo gaggeeffameen Seeneetii keessatti sagalee deggersaa ga'aa dhabanis, garuu eyyama pirezidaantii biyyattii irraa argachuun mootummaa cimaa akka hundeessan abdataa turan.
Giuseppe Conte kana raawwachuu yoo dadhaban aangoosaanii nama biraaf dabarfama, yoo kunis ta'uu baate filannoo haaraatu gaggeeffama.
Ibsi kaabineen biyyattii baase akka mul'isutti Giuseppe Conte har'a walga'ii qophaa'erratti argamuun aangoo akka gadi dhiisan ni ibsu, isa booda gara pirezidaantii deemuun dhimmicha xumuru.
Bara 2018 irraa eegalanii aangoorra kan jiran Ministirri Muummee Giuseppe Conte qormaati itti heddummaannaan torbee darbe dhuguma deggersa qabaachuusaanii mirkaneessuuf filannoon gaggeeffame.
Filannoo sadarkaa mana maree gadi aanaatti gaggeeffame kanas sagalee caalmaa argachuu baatanillee waan aangoosaanii itti fufsiisuu isaan dandeessisu argachuun milkaa'anii keessa lufanii turan.
Filannoon deggersa mirkaneessuuf gaggeeffame kun akka gaggeeffamu kan ta'e erga paartiin Ministira Muummee duraanii Maatiyoo Reenzii 'Italian Viva' qindoomina mootummaa Giuseppe Conte keessaa adda of baaseeti.
Maatiyoo Reenzii paartiinsaanii gara qindoomina mootummaa Giuseppe Conte'tti kan deebi'u, yoo haaldureen isaan jedhan guutame qofa ta'uu himan.
Yaadi waldhabdee qondaaltota lamaanii inni ijoon baajati diinagdee biyyattii dandamachiisuuf jedhamee Gamtaa Awurrooppaarraa kenname doolaarri biiliyoona 254 maaliif ooluu qaba kan jedhuudha.














