Dimokraatonni Tiraampiin angoorraa buqqisuuf qophiitti jiru

Maxxanfame

Bakka buutonni ummataa US Tiraampiin angoorraa buqqisuuf bariitu sagalee kennuu akka danda’an anga’aan olaanaa tokko dubbatan.

Dimokraatonni paarlaamaa biyyattii to’atanii jiran pirezidantichi paarlaamaan biyyattii humnaan yoo seenamu shoora gumaachaniif ‘‘hokkora kakaasuun’’ himachuuf akka karoorsan himame.

Akka Jamsi Kilaybarni CNN’tti himanitti, torbee kana keessa tarkaanfiin nifudhatama.

Haata’u malee hanga Baayidan guyyoota 100 jalqabaa waajjira isaanii keessatti dabarsanitti, paartichi himata sana gara Seeneetiitti murteef akka hin ergine himame.

Aab Tiraampi miidiyaa hawaasaa garagaraa irratti erga ugguramanii booda ifatti dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Dilbatarra Waayit Haawus ibsa baaseen pirezidantichi gara Teeksaasitti imaluun haala dallaan daangaa Meeksiikoo irratti ijaaramaa jiru irratti argamu daawwachuuf akka ta’e beeksiseera.

Tiraampi hokkora paarlaamaa biyyattii cabsiiseefi lubbuu namoota shanii galaafate kakaasaniiru jedhamuun Dimokraatotaafi miseensota paartiisaanii Riippabliikaan hedduun himatamu.

Riippabliikaanonni badii dalaganiiru haajedhan malee Seeneetii keessatti waayila isaanii angoorraa buqqisuu irratti nihirmaanna hin jenne.

Kan angoosaanii dursanii akka gadhiisan gaafatan garuu hin dhabamne, biyya keenyaaf kan ta’u isadha jechuun.

Waayit Haawus sochii angoorraa buqqisuu kana ‘‘siyaasaan kan kaka’e’’ jechuun busheessee jira.

Tarii sochiin kun dhuguma yoo raawwate, Aab Tiraampi pirezidantii isa jalqabaa yeroo lama buqqifamuuf sagaleen irratti kenname ta’u.

Suni akka ta’uuf ammoo, himanni buqqisuu paarlaamaaf dhiyaatee sagaleen irratti kennamuu qaba.

Sana booda gara Seeneetiitti deemee sagalee harka lama sadaffaa argannaan angoorraa akka ka’an taasifama.

Yoo himata sanaan yakkamaa ta’an Seeneetichi namni kun lammata gara angootti akka hin dhufneef dhorkuu danda’a.

Akka Aab Kilayibarni jedhanitti garuu, adeemsa kanaan guyyoota 10 Tiraampi waajjira keessa turanitti himata bananii murteef dhiyeessuun waan ta’u hin fakkaatu.

Kanaafidha Dimokraatonni dhimmicha murteef Seeneetiitti dhiyeessuu achi butuuf kan murteessan.

Pirezidantii itti aanaa Maayik Peensi Boqonnaa 25ffaa Heera Mootummaa kaasuun Tiraampiin bakka bu’anii pirezidantii akka ta’aniif kana dura gaafatanii turani, warri Dimokraatotaa.

Guyyaa kaleessaas Afa-Yaa’iin paarlaamaa biyyattii Naansii Peeloosii, Maayik Peensi nama kana himanni osoo irratti hin dhiyaatin angoorraa akka buusaniif torbee kana keessa nigaafanna jedhaniiru.

Aab Peensi gaafa Baayidanitti angoon darbu nan argama jechuun Tiraampirraa of haafageessan malee, boqonnaa heera mootummaa sana fayyadamuu irratti waan dubbatan hin qabani.

Baayidan pirezidanticha angoorraa buqqisuun hojii paarlaamaa ta’us, "ani yeroo dheeraaf namni kun waajjira sanaaf hin madaalu jedheen amanaa ture". Jedhani.