'Itti gaafatama barnoota Ijoollee Haacaaluu guutummaatti fudhanneerra'

Madda suuraa, Gemechis Buba
Ji'oota jahaan dura kan ajjeefame wellisaa Haacaaluu Hundeessaa ijoollee sadii kan umriinsaanii waggaa shanii fi isaa gadi tahan qaba.
Luba Dr. Gammachiis Dastaa ammoo Ijoollee Haacaaluu sadan karaa barnootaatiin ittigaafatama isaa fudhatanii barsiisuuf waadaa galaniiru.
"Waa'ee barnootaa fi guddina ijoollee Haacaaluu irratti maatiin yookan haati warraa Haacaaluu dhiphachuu hin qabdu. nuti waan kana dhibbumaa dhibbatti ittigaafatama isaa fudhanneerra" jedhan.
Barnoota oolmaa daa'immaniitii hanga kutaa 12ffaatti baasii hunda danda'uun akkasumas konkolaataa mana barumsaatii gara manaa ittiin deddeebi'an akka ramadaniifis ibsan.
Anii fi haati warraakoo maatii qabsaa'otaarraa dhalanne kan jedhan Dr. Gammachiis, dhiibbaa ijoollee qabsaa'otaa mudatu waan beeknuuf gargaaruuf murteessine jechuun BBC'tti himan.
"Ani yeroon ijoollee ture abbaankoo waggaa shan mana hidhaa ture. Yeros haatikoo nubarsiisuuf akka itti rakkatte nan beeka. Haati warraakoo Naasisee Baaroo Tumsaas yeroo Baaroon wareegame daa'ima waggaa lamaa turte. Obboleessisheemoo waggaa tokko isheen dhumaa ammoo hin dhalanneyyuu ture." jedhan.
"Maatiinkoos kan haadha manaakoos Haacaluu wajjin seenaa walfakkaatu qabna. Maatiin keenya gidiraa baayyee keessa darbanii nu guddisan. Waan nuti keessa darbine suni ijoollee Haacaaluu mudachuu hin qabu jenneeti waan kana gochuuf kan murteesine" jedhan Dr. Gammachiis.
Yeroo lubbuun turetti Haacaaluu fi maatiin isaanii hariiroo fi jaalala guddaa qabaataa turuun isaaniis ijoollee isaa kana cinaa dhaabbachuuf sababa lammeessoo ta'uus eeran.
"Wareegamuu Haacaaluutiin maatii keenya duwwaa osoo hin taane uummata keenya hundatu garaansaa madaa'e. Haacaaluun har'a kan inni jiru ijoollee kana sadan keessa. Haacaaluu har'a yoo dhabnellee ijoollee kana sadan guddisuu qabna jenneeti" jedhan.
Manni Barumsaa ijoollee Haacaaluu itti barsiisuuf murteessan kuni mana barumsaa qulqullina olaanaa qabu akka ta'es dubbatu.
"Magaalaa Finfinneetti 'cambridge international academy' kan jedhamu mana barumsaa haaraan qaba. Kaarikulamii Ameerikaa fi Biriitishn barsiisa. Ijoolleen mana barumsaa kanatti baratan yeroo asii barumsa fixan harki 90'n biyya Ameerikaa fi Ingiliz deemu. Ijoolleen Haacaaluus carraa kana akka argatani kan nuti feenu" jedhan.
Ijoolleen Haacaaluu sadan yeroo barnoota koolleejjiin duraa xumuranis biyyoota lamaan keessaa kan isaan filatanitti akka deemanii barataniif haala mijeessuufis waadaa galuu isaaniis himan.
Haadha warraa wellisaa Haacaaluu Hundeessaa fi hiriyoota isaa waliin mana barumsaa ijoolleen isaa itti barachuuf jiran kana daawwachuu fi maatiin Haacaaluus waadaa isaan galaniif kanatti gammaduu ibsan Dr. Gammachiis.
Luba Dr. Gammachiis dhimma barnoota ijoollee weellisaa Haacaaluu Hundeessaa barsiisuuf waadaa galan kana akka himamu hin barbaadun ture garuummoo namoonni biraas kaka'anii akka walgargaaraniif fakkeenya ta'a jedheen hime jedhan.














