Dhuguma barri faranjootaa darbe baayyee badaa turee?

Madda suuraa, Getty Images
Barri 2020 namoota hedduuf bara rakkina hedduun itti mudateedha. Kanaafu namoonni barichaan ''kan abaarame'' jechuun waamaniiru.
Haata'u malee seenaa kessatti 'kan abaaraman' jedhamu baatan illeen baroonni rakkooleen hedduun itti addunyaa mudate darbaniiru.
Dursa mee waa'ee bara 2020 waan muraasa haa kaafnu.
Covid-19 bara 2020 keessa namoota hedduu ajjeeseera
Ragaa hanga ammaa jiruun, addunyaarratti namoonni miliyoona 89 ol ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'ee yoo ta'u, kanneen miliyoona 1.9 ta'an ammoo du'aniiru.
Ragaa kana kan dhiyeesees Yunvarsitii Joon Hopkiinsi. Haata'u malee weerarawwan bara 2020 dura turaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu, lakkoofsi kun gadaanaadha jedhu qorattoonni.
Fakkeenyaaf namooni weerara du'a gurraacha (black death) jedhamee waamamuufi kan bara 1346 keessa addunyaa mudatee turen Awuroppaa qofatti namootni miliyoona 2.5 yoo du'an, sadarkaa addunyaatti ammoo namoota miliyoona 200 akka galaafate himama.
Bara 1520tti ammoo weerarri maariiteen lammiilee Ameerikaa Kibbaa %60-90 ta'an akka fixe tilmaamama.
Weerarri seenaa waggaa 100 qabu kan biraa ammoo 'Ispaanish Filu' jedhamun kan beekamudha.
Dhibeen Waraana Addunyaa tokkooffaan booda loltootaan akka babal'ate himamu kunis, namoota miliyoona 50 ta'an akka ajjeese dubbatama. Kunis baayyina ummata addunyaa yeroo sanaatiin wal biratti yoo ilaalamu parsantaa shan kan ta'u jechuudha.
HIV/AIDS bara 1980moota keessa ka'ee tures akkasuma namoota miliyoona 32 galaafateera.
Bara 2020tti namoonni baayyeen hojii dhabdoota ta'aniiru
Miidhaan diinagdee sababii weerara covid-19n qaqqabe baayyee cimaadha. Mana namoota hedduus galeera.
Sababii Covid-19tiin namoonni hedduun hojii galii ittiin jiraatan argatan dhabaniiru.
Haata'u malee baayyinni lakkoofsa namoota hojii dhabanii kunis kan bara Kufaatii Dinagdee Addnyaa (Great Depression) bara 1929-33 mudateen gadi jedhameera.
Barri 1933 kan baayyee 'abaarame' akka ta'e himama. Fakeenyaaf, bara sana Jarman keessatti namoota sadi keessaa tokko hojii hinqabu ture.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2020tti namoonni walitti dhufuu dhaaban
Dhugaa sababii weerarichaatiin hedduun mana keessa akka turan ta'aniiru. Firaafi hir'iyaa akka garaatti arguun dadhabameera.
Haata'u malee bara 536tti lammiileen addunyaa samii illeen argu kan itti dadhaban ture himama.
Duummeessi eessaa akka dhufe hinbaramne biyyoota Awuroppaa, jidduugala Bahaafi biyyoota Eshiyaa tokko tokko haguugee ture. Kunis kan ta'e baatiiwwan 18f ture jedhan seenaan.
Barri kunis ilmaan namootaatiin kan baayyee abaarame jedhamusaa akka hinollee tilmaama.
Waggoota darba 2300 keessatti qorri cimaan kan mudatees bara sana ture. Midhaan barbadaa'anii ture. Hedduunis beelaaf saaxilamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2020 sochiin turistii ni danqame
Barri 2020 damee tursitiitiif rakkoo cimaa hinyaadamne fide ture. Hedduunis biyyaa gara biyyaa, ykn magaalaa gara magaalaatti akka garaatti imalu hindandeenyee ture.
Haata'u malee akaakuun ilmaan namaa bara 195 dura turan (Homo Sapiyans) haaluma walfakkaatuun eddoodhaa gara eddootti socha'u hindandeenye ture.
Kanaaf sababiin ammoo haala qilleensaa ture. Bara sanattis qilleensi baayyee ho'u dabarraan baayyee ho'aa ture. Ilmaan namaa yeroo sanaatiis haala sanaan waggoota kuma hedduuf jiraateera.
Qorattoonni tokko tokkos yeroo sanatti haalli gogiinsaa ture ilmaan namaa dachiirraa balleessuu qaqabee ture jedhu.
Qorattoonni akka jedhaniitti, ilmaan namootaa badiinsa sana irraa hafu kan danda'an lafa leellistuu kutaa kibba Afriikaatti argamtu tokkootti dahachuun nyaata galaanaa argatan soorachuun ture jedhu.
Barri 2020 kan gara jabummaan poolisii itti mul'ate
Erga lammiin Ameerikaa gurraachi harka poolisootaatti lubbunsaa darbeen booda, Ameerikaa dabalate addunyaa guutuutti haala yeroo biraa irraa adda ta'een sagaleen gara jabummaa poolisii mormiin dhagahameera.
Mormiin kunis Naayijerriyaas gahe ture. Kolombiyaafi Faransaayis akkasumas Hong Koongis tuqee ture.
Haata'u malee kun kan jalqabaa hinturre.
Bara 1992tti erga suuraan miseensoonni poolisi magaalaa Loos Anjalas afur lammii Ameerikaa gurraacha Roodinii Kiingi jedhamu gara jabummaan wayita reeban booda mormii cimaa kaasee ture.
Sababii mormii sanaatinis namoonni 54 ajjeefamanii, qabeenyaan gara biiliyoona tokkotti tilmaamamu barbaadaa'eera. Kana hordofees magaalattiin labsii yeroo mudamaa labsite turte.
Yaadannoowwan bara 2020
Barri 2020 amma xumuramuun harkasaa bara 2021tti kennateera. Baricha keessatti rakkooleen alatti taateewwan gaariin illeen mul'ataniiru.
Fakkeenyaaf namoonni beekumsaafi dandeettii qabamiitti fayyadamuun wayita mana turaniitti kalaqawwan hedduu kalaqaniiru.
Haakimoonni dhukkubsattoota Covid-19 isaaniif wallaansa kennuun alatti kanneen garaan hammatee wayita jajjabeessan, kaan ammoo dhukkubasaanii dagachiisuuf jecha dhukkubsattootaaf wayita shubbisan argamaniiru.
Haalli itti namoonni nagaa walgaafatan, haalli walgahiin itti gaggeefamuufi barnoonni itti kennamulleen haalaan geedarameera.
Akkasumas namoonni hedduunis haala garaa garaatiin namoota kaaniif gargaarsa taasisuuf wayita yaalan mul'ataniiru.
Hirmaannaan dubartoonni siyaasa keessatti qaban kan bara kamu caalaa bara 2020tti akka dabale himama.
Weerara Koronaavaayirasiitti haa tolutii dachiin ammoo sochiin ilmaan namootaa akka durii dhormanaan umamni bara kana bifashe deebiifachu dandeessee jirti jedhu qorattoonni eegumsa naannoo.
Ilmaan namoota yeroo kam caalaa bara 2020tti harkasaanii baay'iisanii dhiqataniiru.
Bara amma eegale 2021tti ammoo waan gaarii nu haadhaggeessisu.














