Bara 2020 balaliin hir’atuus duuti balaa xiyyaaraa garuu dabalee ture

Madda suuraa, Reuters
Bara 2020 keessa sababa Covid19’n balaliin xiyyaaraa baay'ee hir’atus duuti balaa xiyyaaraan imaltootarra gahe garuu dabalee ture.
Dhaabbani gorsaa aveeshinii Daach To70, namoonni 299 tahan balaa xiyyaaraa akka addunyaatti qaqqabeen du’aniiru jedha. Bara 2019 keessa lakkoofisi kun 257 ture.
Kuni kan tahe sababii dhorkaa Covid19’n balaliin baay'ee gad-bu’ee otoo jiruuti.
Dhaabbanni balalliiwwan xiyyaaraa hordofu Flightradar 24 jedhamu bara 2020tti balaliin imaltoota idilee harka 42’n hir’iseera jedha.
Lakkoofsi namoota du'anii To70n gadhiifame kanneen gocha seeraan alaa xiyyaara meeshaa waraanaan dhahanii kuffisuun du'an ni dabalata.
Xiyyaara Yukireen bara 2020 baatii Amajjii keessa humnoota Iraaniin dhahamee kufellee ni dabalata.
Iraan maatii namoota ajjeefaman 176f doolaara 150,000 kennuuf karoorfatteetti. Namoonni harki walakkaa bara 2020 balaa kanaan ajjeefaman.
Inni kaanimmoo balaa xiyyaaraa Paakistaan magaalaa Kaaraachiitti qaqqabe dha.
Kanaanis namooti 98 yoo du’an, dogoggora ogeessaa mudateeni jedhamee ture.
To70 akka jedhutti balaan mudate kan isa bara darbe 86 irraa gara 40tti gad bu’eera.
Balaa afurtama mudate keessaa shan qofatu lubbuu darbuu namootaaf sababa tahe.
Haa tahu malee dhaabbatichi lakkoofsi namoota du’anii kan waggoota darban 10 waliin wal fakkaata jedhe.
Balaliin baay'ee haqamuun hojjettoota xiyyaaraa irratti dhibbaa uumeera.
Yeroo hojii idileetti deebi’an hojjettoonni ‘dandeettiin isaanii baay'ee hir’achuun mul’ateera' jedha.
Akka indastirii aveeshinii addunyaatti barri nagaa qabeessi jedhamu 2017 ture.
Xiyyaara imaltootaarra balaan du’aa kan hin geenye yoo tahu, balaa sababa motora xiyyaaraan uumameen namoota 13 galaafate lama qofatu mudate.















