Xaaliyaan poolisoota Masrii lammiishee ajjeesuun shakkaman irratti murtee darbe mormite

Maxxanfame

Xaaliyaan murtee Masriin poolisoota shan naannoo Kaayerootti barataa hiraarsanii ajjeesuun shakkaman irratti himata baname kaasuuf murteessushee mormite.

Jalqaba 2020 keessa abbootiin seeraa Xaaliyaan poolisoota afur ajjeechaa Jiwuuliyoo Reejeeniitiin shakkaman maqaa himtee turte.

Garuu torbee kana keessa Masriin garee kana himachuuf ragaan qabatamaa hin jiru jettee jirti.

Anga’oonni Masrii ukkamsaafi ajjeechaa nama kanaa duuba harki anga’aa kamiiyyuu hin jiru jechuun haalaa turani.

Barataan sun kan ajjeefame garee saamtotaa yookaan warra saala wal-fakkaataa jaalatan mormaniin ta’uu mala jechuun ibsuuf yaalaniis ture, yaadni kun gama Xaaliyaaniin fudhatama dhabus.

Barataa Yun. Kaambiriij kan ta’e Abba Reejeeniin, Masrii keessatti dhimma tuttuquuf sodaachisu waa’ee waldaalee daldalaa irratti qorannoo taasisaa ture.

Ajjeechaan barataa kanaa Masriifi Xaaliyaan gidduu wal-dhabdee diippiloomaasii uumee ture. Xaaliyaan, Masriin adeemsa qorannoo danqaa jirti jechuun himatti.

Jiwuuliyoo Reejeenii irratti maaltu raawwate?

Barataan PhD Amajjii 25, 2016 wayita qorannoof garasitti imaletti achi buuteen kan dhabame. Yeroon sunis wagga shanaffaa mormii pirezidantii duraanii Hoosnii Mubaarak irratti tasifamaa tureeti. Sana jechuunis poolisiin baay’inaan Kaayeroo keessa ture jechuudha.

Reeffisaa kan argame Guraandhala 3 bo’oo daandii cinaatti argamu keessaa ture. Harmeen isaas 2018 keessa paarlaamaa Xaaliyaanitti dhiyaachuun yaada kennaniin, reeffi ilmasaanii akka hin taanetti babbadee fiixee funyaan isaatiin qofa isa ta’uu akka adda baafatan dubbatani.

Qorannoon reeffaa Xaaliyaan keessatti taasifame akka mul’isetti, Reejeeniin gulantaadhaan Amajjii 25 kaasee hanga lubbuun isaa dabarte gidduu reebamuu mul’ise.

Qorannoon miidhaawwan kan akka ‘‘Dhiitamuu, bunyaan rukutamuu, uleefi kan biro fayyadamuun reebamuufi’’ mormi cabsamee ajjeefamuusaa abbootiin seeraa dubbatu.

Qaamoleen nageenyaa nama kana hordofaa akka turan himanus, Reejeeniin mana hidhaa keessatti du’eera himata jedhu anga’oonni Masrii hin fudhatanu.