Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: 'Iraan marsariitiiwwan qondaaltoota irratti xiyyeeffatan keessaa harka qabdi'
Marsariitiiwwan fi midiyaale hawaasaa qondaaltoota olaanoo itti gaafatamoo nageenyaa fi filannoo 2020 to'ataa turan irraatti dorsiisa ajjeechaa qaban duuba haala ''amansiisaadha jedhamuun'' eergamtoonni haleellaa saayibarii Iraan jirachuu, eejansiiwwan nageenyaa US lama beeksiisan.
Ibsa waloo Muddee 23 Waajjirri Qorannoo Yakkaa Federaalaa (FBI) fi Ejansiin Saayibar Sakuritii fi Nageenyaa Bu'uuraa (Cisa) kennaniin, gochiichaaf Iraan ittigaafatamtu ta'usheetiif odeeffannoo qabatamaa harkaa qabna jedhan.
Oppireshinichis ''yaada Iraanoonni US keessati wal qoqooduu fi dhabiinsa wal amantaa uumuuf akkasumas adeemsa filannoo biyyattii keessatti amantaa ummataa akka xiqqaatuu yaadaa jiraachuun kan mullisuudha,'' jedhan.
Eenyummeessi marsariitiiwwanii fi midiyaalee hawaasaa, ''Diinoota Ummataa'' fi ''Diinoota Biyyaa'' jedhaman kunneen, jalqaba Mudde kanatti kan saaqaman yoo ta'u, maqaa, suuraa, ibsa teessoo fi teessoo manaa qondaaltoota federaalaa, isteetiifi ganda akkasumas maqaa lammiilee dhuunfaa bulchinsootaa kanneeniin miindeeffamuun soofti weerii fi haardi weerii karaa elekitironikaatiin sagaleen ittiin kennamu gurguran 38 kan hammataniidha.
Tiraamp, garee seeraa isaafi deeggartoonni isaa hedduun torban dhihoo keessaa illeen waa'ee waliin dhahu sagalee filannoo karaa elektorooniin gaggeeffameerratti kan bulchiinsoota hedduu irratti himannaa dhiyeessanii ture.
Haata'u malee manni murtii federaalaa himannicha kufisuunsaa ni yaadatama.
Akkasumas eejansiiwwan kunneen teessoowwan imeelii afur kan marsariitiiwwan ''imeelii dorsiisoo'' qondaaltootaaf ergan kanneen waliin hidhatan qaban adda baasuu himan.
Oppireeshiinii gama midiyaa hawaasummaa kunis kan feesbuukii, twiiitara, Parler, V-Kontakte, Pinterest fi Gab jedhamaniitti dhimma bahuun deeggartoonni Tiraampi, maqaafi teessoo namoota ''biyyaafi adeemsa dimokiraasii keenya haalanii'' itti dabalaa jechuun gaafatan.
Hagganaan FBI Kiristofar Wraay, dabalatee qondaaltoonni motummaa hedduun kanneen odeeffannoon isaanii marsariiticha irratti maxxanfame keessatti argamu.
Amma gochiiwwan opareeshinichaa fi kuusaan saanii marti akka kaafamu taasifameeras jedhameera.
Irra caalli eenyummeessa midiyaalee hawaasaas haqamaniiru. Garuu ammoo kanneen VK fi Parler irraa ammalleen jiru jedha ibsichi. Dabalunis kan eenyummeessi Parler nama dhunfaan kan saaqameedha jedhan.
Jooyee Slowiik, qorataa olaanaan nageenya 'DomainTools' gama isaanitiin, galmeen maxxansawwan biloogii ifatti mul'atuu akka waan jalaba Raashiyaatti saaqameetti kan agarsiisuudha jedha.
Haata'u amlee, imeeliiwwan galmee marsariitii ka'umsaan waliitti dhufanii ammoo bakka afaan Raashiyaatiin ''yandex.ru'' jedhuu kan ka'umsa idil-addunyaa ''yandex.com'' kan jedhuutti fayydaman.
Tarii kunis shakkii gama Raashiyaatiis yaaliin ture jedhu sana ta'u mala ykn ammoo gochichi gama sanaa akka raawwatame fakkeessuun kan yaalame ta'u mala jedhu Mr Slowik.
Qondaaltoonni Ameerikaa Iraan yaalii jiddugaluumsa filannoo baranaatii wayita himatan kun kan yeroo lamataati.
Onkolooleessa keessas, qondaaltoonni nageenyaa biyyaaleessaa US, filattoota Dimokiraatootaatti imeelii dorsiisoo ergudhaaf ittigaafatamtuun Iraan jedhanii ture.
Haata'u mlee Iraan imeeliiwwan jedhaman kanneen keessaatti hirmaannaa akka hin qabne kan haalte yoo ta'u, kan amma FBI jedheerratti garuu hanga ammaatti homaa hin jennee.
Twiitar eenyummeessawwan gara 130 ta'aniifi tibba marii pirezidaantummaa jalqabaatti yaalii Iraan ''haasaa ummataa jeequuf'' taasifteetti hidhata qaba haqeera.
Barreeffamni eenyummeessa twitiirii kanneenii muraasnis kan Tiraamp deeggarn yoo ta'u, garii isaanii ammoo Joo Baayidaniin kan deeggaran turan.