Maayik Jaaksan: Qe'een Maayik Jaaksan 'Neverland' jedhamuu Doolaara miliyoona 22'tti gurgurame

Maxxanfame

Qe'een weellisaa beekamaa du'aan boqate Maayik Jaaksan, Neverland jedhamuun waamamu tujaara tokkotti gurgurame.

Hiriyaan duraanii Maayik Jaaksan, Roon Burkee jedhamutti qe'ee Jaaksan kan Los Oliivoo, Kaalifoorniyaa keessatti argamu gurguramuu dubbii himaan isaa himeera.

Roon qe'ee Neverland jedhamu kanaaf doolaara miliyoona 22 tahu kaffaleera jedhe gabaasni 'the Wall Street'.

Lafti hektaara 1,100 tahu jalqaba bara 2015 keessa Doolaara miliyoona 100 tahuun ture gurgurtaaf kan dhiyaate.

Ergasii gabaarra turuun yeroo dhiyoon as ammoo gara doolaara miliyoona 31tti gadi bu'uu ibsamee ture.

Jaaksan yeroo laficha bitetti Doolaara miliyoona 19.5 itti kaffalee ture.

Moggaasni maqaa 'Neverland' jedhus kan maqaa oddoolaa asoosama ijoollee Piiter Paan keessatti namni JM Baariii jedhamu barraa'ee irratti kan fudhatameedha.

Addunyaa asoosamaa keessaatti odoolli kunis ijoollee kan keessatti hinguddaneedha.

Weellisaan yeroo akka malee beekamtii itti argatee ture bara 1987tti ture qe'ee Neverland kan bitee.

qe'ee sanas gara gamoo bashannana gurguddaa, paarkii bineensotaa fi bakka taphaa maatiin ijoollee isaanii waliin itti bashananitti jijjiire.

Bara 1990 fi 2000 keessa bakki kun iddoo miidhaan saalaa ijoollee irra gahudha jedhamuun qorannoon adda addaa gaggeeffamaa ture.

Jaaksan garuu abbootii alangaa Saantaa Barbaraatti bakka kana ijoollee gowwomsee miidhaa irraan gahuuf tasumaa fayyadamee hin beeku jechuun haale.

Bara 2005 mucaa waggaa 13 irra miidhaa geesisuuf yaaleera jedhamuun himatamee bilisa baheera. Sana booda Jaaksan gonkumaa gara Neverlanditti hin deebine.

Bara 2009 mana jireenyaasaa Loos Anjales keessa osoo jiruu sababa dhibee onnee walqabateetiin qoricha baayyee fudhachuun lubbuunsaa darbite.

Erga du'ees miidhaa saalaa geesiseera jedhamuun himata garaagaraatu irratti dhagahamaa ture. Dookimentarii Leaving Neverland' jedhamu bara 2019 hojjetame keessattis calaqeessameera.

Erga inni du'ees 'Neverland' irra deebiin Sycamore Valley Ranch' jedhamee moggaafamuun haala gaariin misoomsameera.

Abbaan qabeenyaa amma qe'ee kana bitate akka baankii lafaatti ilaala jedhe dubbii himaan isaa.

Mr Burkil hundeessaa fi gaggeessaa kaampaanii Yucaipa, LLC jedhamu investimantii dhuunfaa irratti hojjetu.

Akka ragaa barruun Foorbes Mudde 24 bara 2020 baasetti qabeenyi qulqulluu Mr Burkil Doolaara biliyoona 1.4 qofaa ta'a.