Kaabinoonni pireezidantoota US hagam calaqqee biyyattiiti?

Kaabinoota Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaabinoota Joo Baayidan
Maxxanfame

Pirezidaantii US haaraa filataman Joo Baayidan, seenaa pirezidaantummaa Ameerikaa keessatti nama kaabinoota uummata biyyattii hunda bakka bu'an filatan jedhamaniiru.

Garuu pirezidaantota isaan dura turaniin yoo walbira qabamanii madaalaman sadarkaa kamirra jiru laata?

Joorji Waashingitan jaarraa lama dura wayita walga'ii kaabinee isa jalqabaa taasisan, maqicha adda baasanii waamuu baatanis, yaada adda addummaa fi heddummina akkasumas bakka bu'ummaa walqixa ta'e keessummeessu bu'uuressanii turan.

Kaabinoota calaqqee Ameerikaa ta'an hundeessuun dhuka bulchiinsa US ta'uu akka qabu bu'uuressaniiru.

Wayita sana yaadi kun heera biyyattiirratti barreeffamee jiraachuu baatus, isaan garuu namoota yaadota garaagaraa irratti isaan gorsan waan barbaadaniif kaabinoota uummata Ameerikaa hunda bakka bu'an filachuuf dirqaman.

Bara faranjootaa 2021tti Ameerikaan duree kaabinee nama biyyichaa ta'an, dubartii jalqabaa daarektara tikaa fi nageenya biyyaalessaa ta'an, qondaala nageenyaa Laatiinoo ta'an, kaabinoota gay ta'anii fi kaan calaqqee uummata Ameerikaa hundaa ta'an qabaachuuf jirti.

Pirezidaantiin haaraan kun garuu waadaa jedhame kana guutuuf hedduu rakkachuu danda'u, sirna bulchiinsaa isaan dura ture keessaa ba'anii kaabinee calaqqee uummata hundaa ta'e hundeessuun qormaata itti ta'uu mala.

Kaabinoota calaqqee uummata Ameerikaa ta'an filachuun maaliif barbaachisa? Mee yaa ilaallu.

Short presentational grey line

Erga bara 1933 as pirezidaantota 11 qofaatu kaabinoota dubartii ta'an filatan.

Pirezidaantiin kamiyyuu kaabinee koorniyaa fi sabaan calaqqee hundaa ta'e hundeessanii hin beekan.

Baay'inni kaabinootaa akkaataa sirna bulchiinsaa pirezidaantiin tokko ijaarratu irratti hundaa'a, garuu yeroo hedduu hoji raawwachiiftota 15tu jiraatu.

Waggoota 30 darbaniif xiyyeeffannaan wal-qixxummaa koorniyaa irratti ture, kunumtuu hanga bulchiinsi Tiraamp hojii eegalutti qofa ture.

Bulchiinsa Kilintan bara 1993

Kaabinoota Kilintan

Guyyaa Pirezidaanti Biil Kilintan kakuu raawwatan gaazexaan Waashintan Post waa'eesaanii akkas jechun barreesse: Pirezidaantiin dinmokiraataa akkaataa seenaa keessatti hin baratamneen kaabinoota garaagarummaa qaban hundeeffatan. Dubartoota shan, gurraachota afurii fi Laatiinoo lama.

Bara bulchiinsa Kilintan Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa kan dursaa turan Ayidaa Alvaareez nama Laatiinoo jalqanaa sadarkaa kaabineetti muudaman ta'aniiru.

Bulchiinsa Buush bara 2001

Kaabinoota Buush

Gaazexaan Niwu Yoork Taayimsi, akkaataa kaabineen Pirezidaanti Joorji W Buush itti hundaa'e, ''bulchiinsa tuuti kaabinootaa hundi gosaa fi sabaan garaagara ta'an keessatti argaman, kan pirezidaanti Kilintaniin walfakkaatu'' jechuun jajee ture.

Bara bulchiinsa Buush, namni bu'uurrisaa Jamaayikaa garuu kan maatiinsaa godaansaan Ameerikaa seenan Koliin Pooweel duree dhimma kaabinootaa ta'anii turan.

Noormaan Mineetaa ammoo dursaa damee geejjibaa ta'uun nama jalqabaa Asian Ameerikaan kaabinee Kilintan keessatti iddoo guddaa argatan ta'aniiru.

Pirezidaantiin duraanii Buush kan isaan ittiin beekamtii guddaa argatan inni ijoon wayita kondoliizaa Raayis Ministira Haajaa Alaa gochuun muudaniidha.

Kondoliizaa Raayis dubartii gurraattii jalqabaa ministira dhimma alaa, achiis aangoo gorsaa nageenya biyyaalessaa qabachuun US keessatti bakka olaanaa argatan turan.

Kana malees dubartii Asian Ameerikaa ta'an, Elaine Chao, duree dhimma hojjettootaa gochuun yeroo duraaf muudaniiru Buush.

Bulchiinsa Obaamaa bara 2009

Kaabinoota Obaamaa

Wayita bulchiinsa Pirezidaanti Baraak Obaamaa kaabinoonni saboota xiqqeeyyii fi saboota heddummina qaban irraa walqixa hundeeffame jedhamuun jajame.

Kaabineen isaanii dubartoota torba, saboota xiqqeeyyii sagal fi uummata adii saddeeti irraa kan ijaarame ture.

Bara Baraak Obaamaa Suuzaan Raayiz UN'tti Ambaasaaddara US ta'uun dubartii jalqabaa kaabinee US keessatti iddoo guddaa qaban ta'aniiru.

Eriik Hooldar ammoo nama gurraacha jalqabaa Abbaa Alangaa walii galaa biyyattii ta'an turan.

Bulchiinsa Tiraamp bara 2016

Kaabinoota Tiraamp

Akkuma bara Pirezidaanti Roonaald Reegaan, bara Tiraampis kaabinoonni nama adii, dhiirotaa fi tujaarota turan.

Pirezidaantota Rippaabilikaanotaa duraan turan waliin yoo ilaalaman garuu Waayit Haawus keessaa dubartoota qabaachuun wayyaa qabu.

Kaabinee keessaa yaa dhibaniyyuu malee, Tiraamp ga'eewwan hojii mootummaa kanneen biroo irratti dubartoota inuma muudaa turan.

Fakeenyaaf nama Indiyaan-Ameerikaan ta'an Nikki Halee Un'tti Ambaasaaddara Us gochuun muudaniiru.

Baayidan maaltu isaan eeggata?

Kaabinoota Baayidan filatan

Kaabineensaanii haala kanaan duraa irraa bifa adda ta'een hunda kan haammate akka ta'u irra deddeebiin dubbatu Joo Baayida.

Haala ittiin kaabinootasaanii kaadhimataa jiranis akka fakeenyaatti eeruun dubbatu.

Kaabinoota tibbana kaadhimaman keessaa dubartiin miseensa kongireesii Deeb Haalaand, nama biyya Ameerikaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf duree kaabinee biyyattii ta'uun eeramaniidha.

Aab Baayidan kaabinoota uummata Ameerikaa hunda bakka bu'an filachuun Baaraak Obaamaa caalaa hojjechuu barbaadu.

Kan isaan hanga ammaatti filatanis karoorri isaanii kan milkaa'u ta'uu waan akeeku qaba.

Ta'us garuu hanga ammaatti dubartoota torbaa fi dhiirota 16, akkasumas nama guraacha tokko qofa qabu.

Garuu gareewwan adda addaa bakka murteessaa tokko fedhan jiraachuu waan malaniif, karoorri Baayidan kaabinoota calaqqee uummata Ameerikaa ta'an hundeessuun seenaa dalaguun qaba jedhan kaan ammoo mufachiisuu mala.