Filannoo Ameerikaa:Dubartoota kaadhimamtuu pirezedaantii itti-aantuu US, Kamaalaa Hariisiif, karra saaqan

Madda suuraa, Getty Images
Dubartii ta’anii waajjira Waayit Haawus keessa seenuuf maaltu barbaachisa?
Ameerikaa keessatti dubartoonni mirga filachuu erga kennameef waggaa dhibba guutuuf ta’us, gaaffiin dubartiin Pirezedaantummaan Waayit Haawus seenuuf isaan barbaachisu hamma ammaatti deebii hin arganne.
Seenaatarri Kaalifoorniyaa Kamaalaa Haaris eega guyyaa Roobii kaadhimamtuu itti aantuu pireezidaantummaa warra Dimookiraatotaa ta’anii filataman booda garuu gaaffii kana deebisuuf waan itti dhiyaatan fakkaata.
Kamaalaa Haaris dubartii afraffaa duula filannoo pireezidaantummaa keessatti hirmataan ta’aniiru.
Dubartoonni sadiin asiin dura filannoo pireezidaantummaa keessatti hirmataan isaan asii gadiiti.
Shirleeyi Chiishoolm 1972

Madda suuraa, Getty Images
“Dubartii gurraattii fi ofiin boontu ta’us, kaadhimamtuu gurraattii miti. Dubartii ta’us, kaadhimamtuu dubartii miti… kaadhimamtuu ummata Ameerikaati”. – jette yeroo kaadhamumtuu pireezidaantii ta’uushee ibsiteetti.
Dubartiin kuni jalqabaa kaadhimamtuu pireezidaantii warra Dimookiraatotaa akkasumas dubartii gurraattii jalqabaa Kongirasii US taatee bara 1968 filatamte.
Bara sanitti dubartoota keessaa ishee qofa kan injifate.
Gargaaraan ishee duraanii Roobart Gotlii’eeb barruu ‘smithsonian’ jedhamuuf akkas jedhee waa’eeshee ibseera:
“Eenyullee hin sodaattu. Dhaadannoon ishee ‘bitamuu dhabuu fi eenyuniyyuu jalatti hogganamuu dhabuudha.’ Eenyuniyyuu jalatti hogganamtee hin beektu isheen.”
Dubartiin kuni siyaasa keessatti wantoota qabatama ta’an hojjataa turte.
Duula keessatti bulchiinsota mirga dubartootaa fi walqixxummaa sanyummaa jajjabeessan keessatti xiyyeeffannaan hojjataa turtus, kaayyoon ishee sanii ol akka ta’e himti ture.
Koonveekshinii Dimookiraatota kaadhimuurratti sagalee bakka buutotaa 150 ol argattee turte.
Geraaldiin Feraaroo 1984

Madda suuraa, Getty Images
“Wajjira guddicha isa lammaaffaaf dubartii filachuu keessaniif, Ameerikaadhaaf mallattoo jabaa mul’istaniittu. Balbalti nuti hin banne hin jiru.” Dubbii kaadhimamummaarratti taasisaniidha.
Geraaldiin Feraaroon miseensa paartii dimookiraatii Kamaalaa Haarisin ala dubartii jalqabaa itti aantu pireezidaantii ta’anii kaadhimamaniidha. Isaanis maatii baqattootaa fi haadha alangee irraa dhalatan.
Dubbii kaadhimamummaa irratti taasisaniin bulchiinsi Mondaalee- Feraaroo Jijjiirama Mirga Walqixxummaa akka hojiirra oolchu dubbatanii turan.
Kunis “dhimmichi Ameerikaan dubartootaaf maal gooti osoo hin taane, dubartoonni Ameerikaaf waan gootu” kan jedhu waan ta’eef jedhaniiru.
Yeroo kaadhimummaasaaniitti jabina isaaniitiin beekamu turan.
Saaraa Paalin 2008

Madda suuraa, Getty Images
“Ani haadha giddugaleettii ijoolleeshee kunuunsitudha… beektuu, haadha giddugaleetti ijoolleeshee kunuunsitu jidduu fi haadha sodaatamu jidduu garaagarummaan jiru? Lippiistikiidha.” Dubbii kaadhimummaarratti taasisaniidha.
Isaaniis dubartii jalqabaa warra Riippaabilikaanota keessaa pireezidaantummaaf kaadhimamaniidha.
Filannoo bara 2008 irratti morkataan isaanii Joo Baayidan turan.
Yeroo Kamaalaa Haaris kaadhimamtuu pireezidaantummaa ta’uunsaanii ibsametti baga gammadde jedhaniiruun.
Isaanis akkas jedhan: “Ceekuu Geraaldiin Feraaroo fi anarratti akkasumas waan jabaa jireenya kee keessatti baratte irratti irkadhu.”
Dabalataanis “nama haaraa kamuu hin amanini” jedhanii Kamaalaa Haarisiin gorsaniiru.
Hilaarii Kiliintan 2008, 2016

Madda suuraa, Getty Images
“Har’a galgala, paartiin guddaa yeroo jalqabaaf dubartii pireeziaantummaaf kaadhimeera.
Bakka kana akka intala haadha tiyyaatti fi haadha intala tiyyaatti yeroo as dhaabbadhu gammachuu guddaatu natti dhagahama.” – jedhan yeroo filannoo bara 2016 irratti dubbii taasisan.
Bara 2008, Baaraak Obaamaadhaan yoo injifataman, bara 2016 ammoo sagalee caalmaa argatanis filannoo walii galaatiin Doonaald Tiraampiin injifatamaniiru.
Isaanis yeroo marsaa lama pireezidaantummaaf dorgomanitti wanti ulfaataan “waltajjiirratti dubartiin turte ana qofaa ta’uun baay’ee ulfaataa ture,” jedhan













