Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Pinterest' himannaa loogii koorniyaaf beenyaa $22.5m kafale
Dhaabbatni miidiyaa hawaasummaa Pinterest himata loogii koorniyaa hooggantuun dhaabbaticha duranii irratti kaafteef kaffaltii $22.5m raawwachuuf waliigaleera.
Sadarkaa hooggansaa 'chief operating officer' irra kan turte Francoise Brougher waliin waliigalteen kanfaltii beenyaa raawwatame hanga ammaatti beenyaa guddaa ifatti ibsame ta'uu hin oolu jedhameera.
Kaampaniin miidiyaa hawaasaa suurri irratti qoodamu maamiltoota harki hedduun dubartoota ta'an kan qabu yoo ta'u beenyaan amma kaffale ''aadaa isaa fooyyessuuf'' akka gargaaru beeksiseera.
Himatni loogii koorniyaa kun kan irratti dhiyaate qeeqni biroon dubartoota gurraacha duraan dhaabbaticha keessa hojjetanirraa wayita dhagaahametti.
Brougher 'Pinterest' irratti himata kan bante Hagayya darbe yoo ta'u, dhaabbatichi dubartootaaf miindaa qixxee dhiiraa akka kaffalu dhiibbaa uumuushee hordofee walgahiirratti akka hin hirmaanne erga taasifamteeti.
Dhaabbatichi dhibbaa isheen miindaan dhiiraan qixxee dubartootaaf akka kaffalamu gootee fi komii jabaa yaadota saala bu'uureffatee hojjettoota kaampanichaan kennamurratti dhiyeessite hordofee hojiirraa ari'e.
Himattuun kun ''Pinterest dubartootaa fi garee lakkoofsaan bicuu (minorities) ta'aniif bakka hojii mijaataa mitii'' jetteetti.
Dubartiin ganna 55 Brougher, dhaabbata Pinterest keessaa bara 2018 irraa kaaftee garee hojjetoota 1,000 of jalaa qabu hoogganaa turte.
Dhaabbatichi beenyaa kaffaluuf waliigaluu hordofee ibsa kenniteen bakka hojii isaa hundaaf mijataa fi aadaa hunduu hammatamaa ta'uun isaa itti dhaagamu uumuuf murannoo agarsiiseen gammaduu himteetti.
Kaampanichiifi Brougher kaffaltiin kana keessaa $2.5m kan ta'u dhaabbilee dubartootaa fi garee lakkoofsaan bicuu(minorities) indaastirii teeknoolojii keessatti hirmaachisuuf hojjetan jajjabeessuuf akka oolu arjoomuuf waliigalaniiru.
Brougher ar'atamuu ishee mormuun gariin hojii gadhiisaniiru kaan ammoo waraqaa mormiifi jijjiiramni akka dhufu gaafatu (petition) mallatteessaniiru.
Abukaatoon hojjetaafi hojjechiistotaa Shaaron Viniik kan dubartootaaf dhaabbattu hangi maallaqaa beenyaa ta'ee kenname kun loogiifi miidhaa saalaaratti jijjiiramni dhufaa akka jiru agarsiisa jechuun New York Times'tti himteetti.