Tiraamp bu’aa filannoo akka geeddaruuf bulchaa Joorjiyaa akka gargaaran gaafatan

Madda suuraa, REUTERS
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp bulchaan kutaa Joorjiyaa miseensa Riippabliikaan ta’an injifannoo Joo Baayidan akka jijjiiraniif gaafatani.
Barreeffama Tiwiitar irratti walitti aansuun ba’een Biraayan Keempi wal-ga’ii addaa seera baastota naannichaaf akka qopheessan waamicha dhiyeessani.
Kunis kan ta’e duula nafiladhaa miseensa Seeneetii Joorjiyaatti taasifamu irratti erga hirmaatani sa’aatii muraasa boodadha.
Pirezidantichi ammas injifatamuu isaanii kan hin amanne yoo ta’u, ragaa tokko malee, injifannoon Baayidan hanna jechuutti jiru.
Haajaa isaanii kutaalee biyyattii hedduutti seeraaf dhiyeessanus, hundumtuu haala jechuun danda’amuun hin milkoofneefi.
Joorjiyaan naannoo morkiin cimaan itti geggeeffamu yoo taatu, 1992 as yeroo jalqabaaf Demokraatota filachuun isaanii Baayidan sagalee muraasaan caalanii akka mo’atan isaan gargaareera.
Yeroo ammaa kanattis teessuma Seeneetii argachuuf Joorjiyaatti falmii cimaatu geggeeffamaa jira. Dimokraatonni filannoo lammataa Amajjii dhufuu yoo moo’an, Rippabliikaanonni to’annoo mana maree guddichaa dhabu.
Waashingitan Poost akka jedhutti Tiraampi Abba Keempiif Sanbata Duraarra bilbiluun sagaleewwan namoota guyyaa filannoon dura kennamanii irra deebiin akka lakkaa’amaniif ajaja dabarsi jechuun itti himanii turan jedhama.
Abba Keempis angoo akkasii waan hin qabneef gaaffii kana hin fudhanne, akka gaazexaa kanaatti.
Tiraampi yeroo filannoo sanatti sagaleewwan poostaadhaan ergaman filannichi akka wal-dha’amu taasiseera jechuun himataa turanus, raga tokkollee hin qabani.
Keempi irratti dhiibbaa uumuuf yaalaa kan jiran Abba Tiraampi, Tiwiitara gubbaa akkas jedhani, ‘‘Osoo silaa Biraayan Keempi yookaan anga’aan haajaa alaa naannichaa dhimmichi akka qulqullaa’uuf mallatteessanii salphaattan moo’a ture… Riippabliikaanonni lameen kun maaliif didu?’’
Keempis ‘‘ifatti mallattooleen adda akka baafamaniif gaafadheera’’ yoo jedhani deebisaniif, Tiraampis takka turanii, ‘‘namoonni kee maaliif ajaja kee didu, waan dhoksan wayii qabumoo?’’ jechuun gaafatani.
Anga’oonni kutaa bulchiinsa kanaa himata Tiraampi deeggaruuf ragaan qabatamaa waan hin jirreef, Tiraampi sochiisaanii akka dhaaban, ta’uu baannaan walitti bu’iinsa fiduu akka malu dubbachaa jiru.
Rippablikaanonni maaliif si’a lammaffaaf Joorjiyaatti duulaa jiru?

Madda suuraa, REUTERS
Naannoon kun filannoo Amajjii 5, 2021 dura, taasifamu dura dorgommiiwwan Seeneetii gargaraa lamatu keessatti geggeeffamaa jira.
Teessuma lameen kanarra taa’aa kan jiru Riippabliikaanota yoo ta’an, morkii cimaa Dimokraatotarraa isaan mudate injifachuuf socho’aa jiru.
Seenaatarri ganna 70 Deeviid Parduu nama fiilmii dookimantarii hojjatuufi ganna 33 qofa ta'e Joon Osoof waliin dorgomu.
Namni ganna 50 Seenaatar Keelii Liwooflar gama isaaniitiin Paastarii olaanaa Mana Kadhannaa Atlaantaa Baaptiisti irraa dhufan Raafaayeel Waarnook waliin wal-morkatu.
Aabba Waarnook Aadde Liwooflar dursaa kan jiran yoo ta’u, Osoof fi Parduun ammoo kokkee walqabatanii jiru.
Paartiin Tiraampi Riippabliikaanonni caalmaa xiqqaa kan qaban yoo ta’u, yoo filannoo kana injifatan, bulchiinsa Baayidan irratti dhiibbaa uumuuf isaan gargaara.
Dimokraatotatu teessuma lamaan injifata taanaan garuu, 50/50 waan ta’uuf, sagaleen adda baastuu Seeneeticha to’achuuf isaan gargaartu kan argamtu pirezidantii itti aantuu ta’uun kan filataman Kaamaalaa Haariis irraayyu.















