Filannoo Ameerikaa: Tiraamp Waayit Haawus gadhiisuuf qophaa'uu isaanii akeekan

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Joo Baayidan pirezidantii US itti aanu ta'uu isaanii illektoraal kolleejjiin ifatti yoo mirkaneesse Waayit Haawusiin akka gadhiisan Doonaald Tiraamp beeksisan.

Bu'aa filannoo pireezidantummaa US Sadaasa 3 gaggeefameen injifatamuu isaanii fudhachuu kan didan Tiraamp Kamisa kaleessaas injifatamuu isaanii amanuun ulfaataa ta'uu ibsaniiru.

Irra deebi'uunis himannaa isaanii ragaa hin qabne sagaleen na jalaa hatameera jedhu dhageessisaniiru.

Sirna filannoo US illeektoraal kolleejjiin hanga ammaatti Baayidan sagalee 306, Tiraamp ammoo sagalee 232 sassaabachuun injifataan eenyu akka ta'e adda bahee jira.

Sirna filannoo kanaan kaadhimamaan sagalee 270 sassaabachuu danda'e filannicha kan injifatu waan ta'eef Baayidan injifachuu isaanii labsuun qophiitti jiru.

Dureen filattootaa ji'a dhufu walittii qabamuun bu'aa filannoo isa xumuraa erga beeksisanii booda, Amajjii 20 Baayidan pireezidantii US ta'uun waadaa seenu.

Pireezidant Tiraampiifii deeggartootni isaanii burjaajii filannoo kanarratti raawwate jedhan ilaalchisee himannaa hedduu dhiyeessanii kan turan ta'uus hedduun isaanii fudhatama dhabaniiru.

Haata'u malee, jalqaba torban kanaatti Tiraamp ce'uumsa aangoo gara Baayidanitti godhamutti waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Waliigaltee Tiraamp torbee kanaa bu'uura godhachuun Baayidan dhimmoota nageenyaa gurguddoo irratti odeeffannoo qaama ilaallaturraa argachuu eegalu, qophii gara waayit haawusitti galuuf godhaniifis doolaarri miiliyoonaan lakkaawamu ni gadhiifamaaf.

Tiraamp maal jedhan?

Kamisa kaleessaa gaaffii illektoraan kolleejjiin injifatamuu keessan yoo mirkaneessee Waayit Haawusiiin ni gadhiiftu jechuun gaafatamaniif deebii yoo kennan ''mamii malee, mamii malee, kana isinuu beektu'' jedhan.

Itti dabaluunis ''yoo Baayidaniin filataniiru ta'e dogoggora hojjetan'' jechuun injifatamuu akka hin fudhanneemmoo akeekan.

''Fudhachuuf baayyee namatti cima sababni isaas hanni guddaan akka jiru ni beekna'' jedhan. Himata kana Tiraamp irra deddeebiin dhiyeessaniis ragaa gahaan himata isaanii kana hin deeggarree jedhamu.

Sirna waadaa seenu Baayidan irratti ni hirmaatuu laata yaada jedhurrattis deebii hin kenniine.

Adeemsi idilee aangoo pireezidantii tokko irraa gara kan birootti ceessisuuf taasifamu Tiraamp bu'aa filannoo fudhachuu diduu isaaniitiin danqameera.

Pireezidantii US ta'uuf kan jiran Baayidan biyyi isaanii Covid-19 'n akka diina biyya isaanii weerareetti ibsuun namuu jabaatee akka ofirraa qolatu waamicha gochaatti jiru.

Lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii akkaan dabalaa sababa jiruuf sirna galateeffannaa waggaa waggaan godhamu kan ''Thanks Giving'' dhiisaniiru.

Mootummaa isaanii keessatti aangoowwan olaanoof namoota qopheessanis ifa godhaniiru.