Lola Tigraay: 'Lolli kun akkamiin eessumi kiyya Sudaanitti akka baqatu dirqamsiise?'

Maxxanfame

Gaazexeessaan BBC firri isaa lola naannoo Tigraay, loltoota federaalaa fi naannochaa giduutti dhalate dheessuun gara Sudaan baqachuuf akka dirqame barreesseera.

Eessumi kiyya tujaarri ooyruu qonnaa bal'aa qabu sababa waraanaa namoota kuma kurnaan lakkaa'aman biroo waliin Sudaanitti baqateera jedha gaazexeessaan kun.

Namni kun kopheellee lukarraa hin qabu, sababni isaa luka qullaa baqatee bidiruudhaan gara Sudaan seene waan ta'eef.

Firri gaazexeessaa BBC kun lolli ni ka'a jedhanii hin eegne ture.

Jalqaba ji'a Sadaasaa biyyi nagaadha jedhanii haadha manaafi daa'imman isaanii dhiisanii gara ooyruu qonnaasaanii kan kutaa Kaaba dhiha Tigraay, Humaraadhaa qabanitti imalan.

Namni kun tibba kana yeroo mara gara Humaraa imaluun saalixiifi mishingaa oomishan sassaabanii gabaa naannoo Tigraay fi Sudaanitti gurguratu.

Wayita lolli ka'ee innis godaanu haatii warraasaa akkuma namoota Tigraay kaanii jiruu fi jireenyi harkaa bade.

Ulaa investimantii wal-waraansaan miidhame

Wayita humnoonni TPLF maandhee raayyaa ittisa biyyaa kaaba biyyattii jiru to'achuuf yaaletti Ministirri Muummee Abiy paartiin kun ''sarara diimaa darbeera'' jechuun waraana labsan.

Waldhibdeen mootummaa Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduu ture wayita naannoon Tigraay Fulbaana darbe keessa filannoo mataasaa gaggeesse daran hammaate.

Naannoon Tigraay murtee mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo yeroo dhibiitti dabarsuu irratti fudhattu itti hin hin amanne ture.

Wal-qoccolloon kun daran cimuun erga Sadaasa darbe gaafa guyyaa 04 lolli eegalamee torban tokko booda loltoonni Itoophiyaa Humaraa qabachuu ibsan.

Uummata naannoo kuma 30 kan qabdu Humaraan, ulaa investimentii fi madda misoomaa guddaadha.

Saliixii fi jirbiin achitti oomishamu gara US fi Chaayinaa ergamuun galii guddaa biyyaaf argamsiisa.

Haleellaan akkanaa bara kana keessa ni ta'a jedhamee hin yaadamne. Eessumni kiyya akka jedhetti midhaan ooyruu irra jirutti abiddi qabsiifamee ture, kansaa gubachuu fi dhiisuu adda hin baasne jedha gaazexeessaan BBC.

'Eessumni kiyya halkan baqate'

Lola Tigraay kanaan gama lachuunuu namoonni du'aniiru, hedduun madaa'aniiru, qaamoleen kunneen garuu loltoonni lammiilee nagaarraan miidhaa geessisuu waakkatu.

Eessumni kiyya Tigreedha, qabeenyi uummata Tigraay akkaan saamamuu fi hedduun ajjeefamuu dubbateera jedha gaazexeessaan BBC kun.

Jireenyisaa rakkoo keessa akka gale kan hubate, wayita lammiileen Amaaraa isa waliin nagaan jiraachaa turan, humnoonni addaa naannoosaanii akka lammiilee Tigraay Humaraa keessa jiran haleeluu qaban itti himaniidha.

Eessumni koo gama daangaa Ertiraan sagaleen dhukaasaa guddaa eegalu hime. Garuu, mootummaan Ertiraa fi Itoophiyaa Ertiraan opireshinii waraanaa hin seenne jedhaniiru.

Lubbuu isaaf sodaate eessumnikoo halkan keessa harka qullaa isaa Humaraa gadhiisee hanga laga Takazee deeme. Achitti dhalattoota Tigraay dhibbaan lakkaa'amn argate. Achii bidiruu yaabanii Sudaanitti ce'an.

Giddugala baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yoo gahu gammadeera. Ta'us, giddugalichi waan guuteef ala ciisuu isaa natti hime.

Bilbilli Itoophiyaa achitti waan hin dalagneef bilbila lammii Sudaanirraa ergifatee akka naaf bilbile hime.

Erga torban lama dura takkaa bilbilaan haasofne, ergasii isa argachuu hin dandeenye. Toorri bilbilaa bakkeewwan Naannoo Tigraay hedduutti waan hin dalagneef haati warraafi ijoolleen isaanii Sudaanitti baqataa ta'u isaa quba hin qabani.

'Haleellaan qilleensaa maatiin kiyya akka baqatu taasise'

Maatiin isaa manarraa baqachuu isaanii hin beeku. Aduwaan magaalaa waraanni Itoophiyaa Maqalee to'achuu dura qabatanidha.

Maatiin kiyyaafi obbolaankoo Maqalee jiraatan haala dhukaasa gaafa Sambataa magaalattii keessa turerraa lubbuun hafu isaanii aniifi kumaatamni biroo ala jiraannu hin beeknu.

Koreen Waldaa Qaxxaamura Diimaa hospitaalli guddichi magaalicha keessa jiru kanneen miidhaman wal'aanuuf rakkataa akka jiru ibse. Meeshaan reeffa ittiin maranis jalaa xiqqaachuu hime.

TPLF Maqalee qofaatti lammiileen nagaa 19 ajjeefaman akkasumas 30 madaa'an jedhus MM Abiy opireeshinii waraanaa torban sadii tureen namni nagaa tokkollee hin ajjeefamne jedhan.

Waa'ee maatii kiyya karaa namaan dhagahe. Kunis erga waraanni Itoophiyaa gaafa Sadaasa 16 naannawa yunivarsiitii Maqalee haleellaa xiyyaaraa raawwate boodadha.

'Umurii kiyya keessa yeroo rakkisaa'

Maatiin kiyyaafi obbolaankoo naannawa kaampaasii jiraatu. Akka namni qunname natti himetti mana isaanii waggaa dheeraa keessa jiraatan keessaa bahaniiru. Magaalichuma keessa garuu bakka biraa hiriyyoota isaanii bira jiraataa jiru.

Ani Maqaleedhaa nama argachuu hin dandeenye. Kuni jireenya koo keessatti isa ulfaataadha. Wanti ala taa'e gochuu danda'u hunduu nagaa akka ta'u kadhachuudha.

Waggoota dhihoo kana, Itoophiyaa bakkeewwan adda addaatti walitti bu'iinsi ture. Kanaanis, namoonni miiliyoona lamatti siqan akka qe'eerraa buqqa'aan ta'eera. Naannoo Tigraay keessa nageenyi ture.

Amma garuu kuni jijjiirameera. MM Abiy erga Maqalee to'atanii booda oppireeshiniin xumuramu ibsaniis ammallee lolliifi haleellaan xiyyaaraa akka jiru gabaafama.

Wanti kuni yoom akka dhaabbatu hin beeknu; yeroo madaan qooruu eegalu, yeroo maatiin walitti deebi'an, yeroo manneen barnootaa hunduu banaman, yeroo elektirikiifi bishaan deebi'u, yeroo qonniifi biznasiin eegalu, gabaabumatti - yeroo jireenyi bakka duriitti deebi'u.

Sababa nageenya isaaniif maqaa namoota oduu kana keessa fayyadamne hin dhoofne.