Keeniyaatti shakkamaan haleellaa Weestigeet battala bilisa bahee gadhiifametti 'hidhattootaan butame'

Liban Abdullahi Omar in court

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Liban Abdullaahi Omaar himannaa shororkeessummaa irrati dhiyaateerraa gaafa Roobii bilisa bahe
Maxxanfame

Haleellaa shororkessummaa giddugala daldalaa Weestgeet irratti qaqqabsiisuun shakkamee kan tureefi bilisaan kan gadhiifame Liiban Abdullaahii, battaluma bilisa bahetti hidhattoota eenyummaan isaanii hin baramneen butame.

Haleellaa shororkeessummaa bara 2013 magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti qaqqabe kanaan lubbuu namoota 71 irratti darbe ture.

Roobii darbe kana namoota haleellaa kana karoorsuu fi raawwachuutti qooda qabaachuun shakkaman lama manni murtii Keeniyaatti balleessaa raawwachuu itti mure.

Namni sadaffaan himatame Liiban garuu bilisaan gaggeeffame - obboleessi Liiban namoota haleellaa raawwataniifi ajjeefaman keessaati.

Manni murtii bilisaan erga gaggeessee booda, guyyaa itti aanu hidhattoonni taaksi inni keessa ture dhaabsisuun butanii akka deeman namoonni ta’ii sana ijaan argan himaniiru.

Liiban lammii Somaaliyaa baqannaan Keeniyaa keessa kan jiraatudha.

Namni kun battaluma waajira poolisii farra-shororkeessummaa Nayiroobii keessaa bahaa turetti butamuu, daareektarri miti-mootummaa 'Muslims for Human Rights' jedhamu Khelef Kalifaa himan.

Mana hidhaa eegumsa guddaa Kaamitii jedhamu keessaa gadhiifamuun, waajira poolisii kanatti adeemsas xumuraa itti gadhiifamu raawwachaa ture.

‘Namoonni isa butan qaamolee tikaati ofiin jedhu’

Abukaatoon isaa Mubuhaa Mureyitii TV Keeniyaatti akka himetti, namoonni kun qaamolee tika biyyattiiti ofiin jedhu. Poolisiin garuu dhimma kanarratti yaada kennuurraa of qusateera.

Presentational grey line

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Presentational grey line

Eenyutu gochaa kan duuba jira?

Gaazexeessaan BBC Fardinaand Omondii akka jedhutti, namni butamuusaatiif itti gaafatamummaa fudhate hin jiru, butamuu isaas namni amanuu fedhe hin jiru.

Haatahu malee, guyyaa saafaadhaan Liiban Abdullaahii butuu kan malu, namoota poolisoota farra shororkeessummaatti hidhata qaban qofaadha.

Kanaan duras waanti beekamu tokko, lammileen Keeniyaa hedduun shororkeessummaan shakkamanii bilisa bahan ykn balleessaan akka hin raawwanne mirkanaa’e achii butee isaanitu dhabama ykn dhoksaatti qondaaltota eenyummaan isaanii hin beekamneefi hin himatamneen ajjeefamu.

Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf dhaabbatan namootni dhibbaan lakka’aman ajjeeffamuufi dhabamuu isaaniitiif humna tikaa biyyattii balaaleffatu.

Aminasti Intarnaashinaal, poolisiin abbaa murtii fi nama ajjeesuuf dirqamni kan itti kenname akka hin taane akeekkachisaa ture.

Poolisiin biyyattiis ajjeechaa fi namoota butanii dhabamsiisuu, hin raawwanne jedheetu haala.

Westgeet keesatti maaltu tahe?

Haleellaan gaafasii guyyoota afuriif ture.

Hidhattoonni al-Shabaab Fulbaana bara 2013 qawwee hidhatan gamoo Weest geet akkuma seenaniin dhukaasa bananii, guyyoota afuurif qabatanii turan.

''Namoonni naasuu hamtuu keessa seenan, daa’imman ni boo’u ture,'' jechuun haleellaa kanarraa kan hafe Surajit Borkakyoty gaafas BBCtti dubbatee ture.

''Namoota tasgabbeessuuf yaalaa turre, akka bilbilasaanii hin fayyadamneef itti himaa turre ykn callisarra (silent) akka kaa'an itti himaa turre.

Yeroo mara dhukaasa qawwee dhagahaa turre. Dirree waraanaa fakkaata ture.''

Tamsaasa televizhinii kallattiin agarsisaa turan irratti aarri gamoo sana keessaa haalaan olkahee muldhata ture. Konkolaattonni poolisiifi waraanaa hidhatan naannicha marsanii, namootni keessaa baqatan.

Taateen kun guyyootaan booda yogguu xumura argatu, lubbuu namoota 67 tu darbe - 62 namoota hin hidhanne, qaamolee nageenyaa keessaa shaniifi kan haleelan afur.

Gareen al-Shabaab haleellicha akka gaggeesse amanuun, oppireeshinii waraanni Keeniyaa biyya Somaaliyaatti godhaniif haaloo bahuuf kana akka godhan himan.

Jalqabarratti angawoonni haleeltoonni 10 akka turan eeranis, boodarra garuu lakkoofsa kana gara afuritti hir'isaniiru.

Akka isaan jedhanitti haleeltonni hunduu kan ajjeefaman yogguu tahu, qorannoon reeffasaaniirratti gaggeeffame garuu ifa hin taane.