Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoon lammii Keeniyaa 'du'aa ka'e' ijoo dubbii ta'e
Keeniyaa Bulchiinsa Kerichootti namni tokko gaggabee kufee, ogeeyyiin fayyaan lubbuun isaa darbeera erga jedhanii booda, afuura baafachuu eegaluun isaa ijoo dubbii ta'eera.
Namni kuni mana isaa keessatti ture kan gaggabee kufe.
Ergasii gara hospitaalaa kan geeffame yoo ta'u, ogeeyyiin fayyaa hospitaalicha jiran lubbuun isaa darbuu dubbatan.
Yeroo reeffi isaa owwaalchaaf qophaa'uf jedhu garuu harganuu isaati dhagahame.
Dargaggoon umrii 32 Piitar Kiijan hojettoota hospitaalaan lubbuun isaa darbeera jedhamee waan amanameef, reeffi isaa kutaa reeffa tursan geeffamuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Piitariin gara hospitaalaa fidee kan dhufe obboleessi isaa gaazexaa Istaandaardif yeroo dubbatu ''narsittiin obboleessikoo kutaa wal'aansii arifachiisaa kennamuf gahuu dura lubbuun isaa darbu natti himte,'' jedheera.
Haa ta'u malee, akka hogganaa hospitaalichaatti taanan, maatiin waraqaa ragaa du'uu isaa mirkaneessu osoo hin fudhatin reefficha gara kutaa tursiisa reeffaa geessan.
Piitar Kiijan gara hospitaalaa yoo geeffamu waan jabaa dhukkubsatee tureef erga of baree booda gaazexeessitoota waliin turtii taasiseen ammaan achi yeroo turtiikoo hojii amantiittin dabarsa jedheera.
Yeroos hojjettoonni kutaa reeffaa tursiisan osoo reeffa qopheessaa jiranitti, tasa afuura baafachuu eegalu isaa dhagahuun isaan rifaasisee ture.
''Hojjettuun kutaa reeffaa bilbila naaf bilbiltee yeroon deemu, qaamni obboleessakoo yeroo socho'u arge. Hundi keenya baay'ee rifanne.
Du'eera jedhamee kutaa reeffaa namni seene akkamiin socho'uu danda'a? Amanuuf rakkisa,'' jechuun dubbate obboleessi quxisuu isaa.
Piitar mataan isaa du'eera jedhamee gara kutaa reeffaatti fuudhamuun na rifaasiseera jedhe.
''Yeroon dammaqu bakka jiru hin beekun ture. Haa ta'u malee, lubbuukoo waan na oolcheef gammachuun qaba. Ammaan achi turtii jireenyakoo guutuu isa [Waaqayyoo] tajaajilaan dabarsa,'' jedheera.
Du'eera kan jedhame Piitar kutaa reeffa tursiisan irraa gara wal'aansa argatutti erga geeffamee booda, yeroo ammaa haala gaariirra argama.
Guyyoota muraasa keessa hospitaala keessaa akka bahus eegama.