Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayirasii: ''Soba' hojjataa piizaan Awustaaraliyaan Kibbaa uggura seente
Awustaraaliyaan Kibbaa erga namni Covid-19 qabu mana pizza waliin hidhata qabaachuu sobuu isaan booda guutummatti bulchiinsicha cufuuf murtaa’uu isaa poolisiin himeera.
Dhorkiin sochii cimaa guyyaa ja’aaf turu kun Roobii kan eegalame erga nannichatti Ebla as yeroo jalqabaf namootni 36 haaraa vaayirasichaan qabamnii boodadha.
Ta’us garuu namichi mana piizzaa keessa dabaree ‘hedduuf’ akka hojjate qondaaltoota fayyaatti himeera ta’ee qajeelfamni kun barbaachisaa hin ta’u ture jedhu anga’oonni.
Mana nyaata sanatti maamila akka ta’e ture kan hime.
“Aariin gubbadheera yoon jedhe xiqqoodha,” jechuun Ministirri Muummee Isteevan Maarshaal Jimaata gazexeessitootatti himaniiru.
Awustiraliyaan sochii dhorkuun, qorannoo bal’aa gaggeessuu fi wal qunnamtii namoota hordofuun tatamsa’ina vaayirasichaa guyyaa guyyaa hedduu kan hir’iste.
“Gocha nama kanaan hedduu mufanneerra, gochaa isaafiis addabbiin akkamii akka jiraatu xiyyeefannoon ni ilaalla,” jedhan Maarshaal.
Ta’us garuu poolisiin nama kanaratti tarkaanfii fudhachuu hin danda’u sababiin isaas “sobaa dubbachuun walqabatee adabbiin hin jiru,” jedhan Koomishinarri Poolisii Awustraaliyaa Kibbaa Giraant Isteevans.
“Namichi kun dhugaa ture dubbachuu dhiisuun isaa waayiloota walitti dhiyeenyaan isaa waliin hojjatan jenne yaadnu adda waan hin baafamneef amma hawaasicha keessa jiru jechuudha,” jedhu Istiivans.
Yaddoo akkanaa qabaatanis erga Jimaata vaayirasichi nama haaraa sadii irratti qofa argamee, aanga’oonni Sanbata - isa karoorfameen guyyaa sadii dura - dhorkii kana akka kaasan himu.
Poolisiin eenyummaa namichaa adda baasuu baatus hojjataa Mana Piizaa Wuudvil, Adelaayide akka ta’e ibsaaniiru.
Gaaffii tarii sababa aarii hawaasaan manni nyaataa kun eegumsaa dabalataa ni barbaachisaanii jechuun gazexeessitootarraa dhiyaateef Istiiveen “Yeroo ammaatti wantooti hedduu gochuu malluu yaadaa jirra” jedhaniiru.
Bulchiinsa kun akkumaa ollaasaa Viktooriyaa weeraraa vaayirasichaa marsaa lammaffaa lubbuu namoota 800 galaafate dhaabuu dandeesse turte.
Awustraaliyaa keessatti hanga ammaatti namootni 28,000 vaayirasichaan qabamanii 900 ammoo lubbuun isaani darbeera.