Koronaavaayirasi: Obboolaan lamaan sababii Covid-19n taaziyaa harmeesaanii karaa 'zoom' raawwatan

Maatiyaas Makonnin(bitaa) fi Kaapteen Abiy Makonni(mirga)
Maxxanfame

Weerarri koronaavaayirasii erga addunyaarratti mudachuu eegalee hariiroon siyaas-diinagdee fi hawaasummaa dhiibbaa jala galeera.

Aadaan waliin jireenyaas sodaa koronaavaayirasiin laaffataa dhufeera.

Itoophiyaa keessatti ammoo wayita firri yookiin namni beekan nama duraa du'aan boqotu boo'icharratti argamuun, gadda taa'uun, hirmii baafachuun aaddaa irratti cichamaa tureedha.

Garuu wayita weerara koronaavaayirasii kanatti, wayita walitti heddummaachuus dhorkametti, tibba geejjibnillee addaan citee jiru kanatti akkamiin du'a geessu?

Kaapteen Abiy Makonnin fi Obbo Maatiyaas Makonnin Teeksaas fi Varjiiniyaa jiraatu.

Harmeensaanii Aadde Dammaqech Aliyu koronaavaayirasiin ta'uu baatullee dhibee isaan mudateen addunyaa kanarraa du'aan wayita boqotan, karaa interneetii 'Zoom' dhaan sirna gadda taa'uu raawwataniiru.

Aadde Dammaqach ijoollee 11 qabaachuu kan himan namoonni kunneen garuu kan argamee awwaallate namoota lama qofa jedhan.

Namoota US irraa yaada nuuf kennan keessaa tokko Covid-19n qabamee bayyanate.

Haati keenya ijoollee 11 abbaa malee guddiste kan jedhan Kaapteen Abiy, nama akkasii dhabuun baay'ee nu gaddisiiseera.

Harmeensaanii mana Tiyaatiraa ''Hager Fiqir'' keessa hojjechaa akka turan dubbatan Obbo Maatiyaas.

Kaapteen Abiy harmeesaanii yeroo dhumaaf kan argan waggaa tokko dura ture, harmeensaanii dhukkubsachuu Wiixata darbe akka dhagahanii fi yoo boqotte akkam goona jedhanii yaadda'aa akka tuan dubbatan.

''Wayita dhukkuba haadha keenyaa dhageenye baay'ee jeeqamne. Yoo duute akkam goona? eenyutu deema? kan jedhurratti waliin dubbachaa turre. Kan baay'ee nama gaddisiisu garuu utuu deemuu dandeessuu isa du'aa gayii haadha keetii haftuudha'' jedhan Kaapteen Abiy.

Dhiphuun imalaa geejjibarraa eegala kan jedhan Kaapteen Abiy, ''Itoophiyaan geenyees dirqama adda baasuun jira. Akka aadaa ta'eemmoo reeffa guyyaa lama sadi jechuutu jira. Kun hundi rakkoo guddaa keessa nu gashe'' jedhan.

Kutaa biyyaa Varjiiniyaa kan jiraatan Obbo Maatiyaas Makonnin haadhasaanii erga awwaalanii booda koronaavaayirasiin qabamuunsaanii akka barame BBCtti himaniiru.

Haala kanarratti yaada kan kennan Kaapteen Abiy,''rakkoon wayita nutti marmaaru baayyee rifanne. Haadha keenya erga awwaallee booda, obboleessi keenya qabamuu wayita dhageenyu, dhibeen kun ammas nama nurraa fudhachuufii jennee baayyee rifanne. Dhiphina guddaa keessa turre. Yeroo hamtuu turte'' jedhan.

Wayita harmeensaanii du'anii fi obboleessisaanii Covid-19 qabamanitti, gara Itoophiyaatti imaluun hafee, kutaa biyyaa US tokkorraa gara biraatti imaluunuu rakkoo waan tureef waaqumatti kenninee dhiisne jedhan Kaapteen Abiy.

''Osoo akka durii ta'ee maatii waliin walgeenyee gadda teenyee walis jabeessinee gargar baana. Amma garuu osoo nu gubuu obsinee bakkuma jirrutti teenye'' jedhan Obbo Maatiyaas.

Waa'ee du'aa gayii haadha keenyaa murteessuuf guyyaa sadi nutti fudhateera kan jedhan Kaapteen Abiy,''hiriyaan kiyya tokko yaada naaf fide. Innis maliif karaa 'zoom'sirna taaziyaa hin raawwattan kan jedhu ture. Haala kanaan maatii firri hedduun karaa kanaan du'aa gayii geenyeerra'' jedhan.

Ergasiillee namoonni yaadannoo abbaasaanii karaa 'zoom' raawwatan jiru jedhan Kaapteen Abiy.

Sirna awwaalchaa haadhasaanirratti argamuu dhabuutti baay'ee akka gaddan kan dubbatan Obbo Maatiyaas gara fuulduraatti dhibeen addunyaa weerare kun yoo bade hojiin keenya jalqabaa siidaa yaadannoo haadha keenyaaf dhaabuudha jedhan.

Yaada Obbo Maatiyaas kan qooddatan Kaapteen Abiy ,''wayita abbaan keenya boqotan hundi keenya sirna gaggeessaaniirratti hirmaannee turre. Ammas yoo dhibeen kun nurraa ka'e siidaa isaanii walbiratti dhaabuu feena'' jedhan.

Sababa fageenyaan sirna awwaalchaa haadhasaaniirratti argamuu dhabuutti gaddanis, namoonni dhiyoo jiranis ammoo of eeggachuu qabu jedhan namoonni kunneen.

Du'aa gayii waliirratti argamuuf jennee vaayirasii kanaaf saaxilamuurraas of qusachuu qabna jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa