Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaan ijaaraa jirtu balaarraa nu oolcha'- hayyuu Sudaan, Dr. Salmaan Mohaammad
Bara kana Sudaan lolaadhaan goolamtee lubbuun namoota 100 oliis darbeera. Lammiilee Sudaan kuma 875 ol irrattis miidhaa geessiseera.
Kana qofas miti, bishaan Naayil humnaa ol guutee gandoota guutummaan liqimseera. Utubaa elektiriikaa jijjigsee miiliyoonotatti dukkaneesseera.
Akka ogeessonni tokko tokko jedhanitti, osoo Itoophiyaan hidha kana xumurtee hojii eegalee silaa lagichi hagas mara miidhaa hin geessisu ture.
Hidhi Itoophiyaan waggootaaf ijaaraa turte kun yoo xumuramu Afriikaatti isa guddaa kan ta’u yoo ta’u, akkamiin guutamuu qaba kan jedhu irratti ammallee waliigalteen hin jiru.
Ogeessa seeraafi tarsiimoo bishaanii idil-adduyaa kan ta’an lammiin Sudaan Dr. Saalmaan Mohaammad, lolaa ittisuurratti hidha Aswaan akka fakkeenyaatti fudhachuun danda’ama jedhu.
“Barana Sudaanirra lolaan balaa guddaa yoo geessisu, Masriin garuu omaa hin taane. Kunis kan ta’e bishaan lolaa ta’uu malu gara hidha Aswaan waan galuuf. Nutis hidha akkasii osoo qabaannee akkas hin miidhamnu ture. Hidhi Itoophiyaas balaarraa nu oolcha ture,’’ jedhuu.
Sudaan hidha 8 laga Naayil irraa qabaattus xixiqqoodha kan jedhan Dr. Saalmaan, Masriin hidha Aswaanitti bishaan erga guurtee booda hojii qonnaaf gammoojjiitti gadhiifti jedhu.
Yaaddoo nageenyaa
Jarsummaa Gamtaa Afriikaatiin maree taasifamaa jiru irratti hidhichi bishaan hagamii qabachuu qaba kan jedhuufi hagamtummoo gadhiifama kan jedhu irratti, Sudaan gara Masriitti waan gorte fakkaatti.
Ejjennoon kun pirezidantii duraanii Omaar al-Bashiriin kan mul’ate yoo tau, warri amma angoorra jirus shaarika Masriidha jedhama.
Bara angoo al-Bashir keessa Sudaaniin bakka bu’uun jaarsummaa taa’aa kan turan Ahimad el-Muftii, hidhichi yaaddoo nageenyaa akka qabu himanii turani.
Hidhicharra miidhaan wayii geenyaan magaalaa guddoo Sudaan dabalatee biyyoota naannichaarra miidhaa guddaa geesisas jedhani.
Anga’oonni Sudaan walitti bu’iinsa hidhichaan wal-qabatee uumamuu malu hambisuuf yaalii guddaa taasisaa jiru.
Torbee darbe keessa yaadni Tiraampi kennan garuu carraaqqii Sudaan kana kan faallessudha.
‘Afriikaaf boonsaadha’
Akka Dr. Mohaammaditti, hidhi Itoophiyaan ijaaraa jirtu humna elektiriikaa guddaa ta’e gatii rakasaan akka bitattu gargaaraan. Faayidaan hidhichi qabu garuu kana qofaa miti jedhu.
Qonnaan bultoonni Sudaan hojii qonnaa Onkololeessa keessa akka taasisan yaadachiisuun, yoo laga Abbayyaa irratti to’annoon taasifame garuu waggaatti si’a tokkoo ol omishuu danda’u jedhu.
Bara hongeettis hidhichi bishaan gadhiisuun hanqina bishaanii uumamuu malu hambisuu danda’a.
Jiraattonni madiinaa Sudaan wayita dhimma hidhichaa gaafataman deeggarsi isaanii Itoophiyaaf akka ta’e hubachuun nidanda’ama.
“Nideeggarraan, sababni isaas Itoophiyaanotaaf garaa wan laafunuuf’’ jedha namni ganna 44 Saalaa Hasan. Magaalaan inni keessa jiraatu Omdurmaan, warreen lolaan miidhee ture keessaa tokkodha.
Jireenyisaa Kaartuum kan ta’e namni ganna 37 Mohaammad Alii ammoo, hidhichi Afriikaaf boonsaa kan ta’eefi namoota hedduuf carraa hojii fidee kan dhufudha jedhee fudhata.
“Itoophiyaanonni Sudaan jiraatan hedduun jiru. Yeroo hidhichi xumuramu, lammiilee Sudaan waliin garasitti imalanii waan hojjatan natti fakkaata’’ jedha.
“Piroojektichi lammiilee Afriikaa hedduu waan fayyaduuf, %100 nan deeggaraani. Biyyoonni Gaanfa Afriikaa keessa jiran rakkoo hedduu keessa darbaniiru. Kanaafuu piroojektoonni akkasii isaan barbaachisu’’ jedha jiraataan Kaartuum kan biraan.