Weerara Awwaannisaa: Ka'umsaafi bal'ina weerara awwaannisaa yaaddoo qonnaan bultoota Itoophiyaa ta'e

MM Abiy Ahimad weerarri hoomaa awwaannisaa Itoophiyaa mudate aanota 240 keessatti miidhaa dhaqqabsiiseera jedhuun Wiixata darbe Paarlaamaatti dubbataniiru.
Weerarri hoomaa awwaanisaa kun naannolee Afaar, Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay akkasumas bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti akka ta'e himaniiru.
Aanota weerarri hoomaa awwaannisaa mudate keessaa gandoota 705 qofa keessatti miidhaan dhaqqabuusaa himaniiru.
Bakkeewwan kanneenitti lafti heektaara miiliyoona afur ta'u qotameera kan jedhan MM Abiy, kana keessaas lafti heektaara 420,000 ta'urratti miidhaan dhaqqabuu himan.
Biyya alaarraa heelikooptarootaa fi diroonota keemikaala biifan gara biyyaa galchuuf yaalii taasisaa jiraachuusaanii kan eeran MM Abiy, ta'us adeemsisaa salphaa ta'uu dhabuusaa dubbataniiru.
Weerarri hoomaa awwaannisa gammoojjii yoom mudate?
Awwaanniisni gammoojjii waggoota 25 keessatti hamaadha jedhame Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa Bahaa heddu keessatti miidhaa dhaqqabsiisaa jira.
Weerarri hoomaa awwaannisaa bara darberraa hamma ammaatti mudataa jiru roobaa fi qilleensa jabaa bara 2018 fi 2019 mudaterraa ka'uun akka ta'e ogeeyyiin ni dubbatu.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti jiidhinsii fi qilleensi mijataan biyyoota Arabaa kibbaatti ture awwaannisi osoo hin beekamin dhaloota sadii akka wal horuuf carraa kan uume yoo ta'u, kunis weerara hoomaa awwaanisaa bakkeewwan kanneenitti mudateef sababa ta'eera jedhan.
Ministeerri qonnaa hoomaa awwaanisaa Waxabajjii bara 2011 irraa jalqabee mudate to'achuuf hojiilee hojjachaa turuusaa kan ibse yoo ta'u ka'umsi awwaannisaa kuni Fulbaana bara 2013'tti Yamanii fi Somaaliilaand irraa gara biyyattii galuu dubbateera.
Weerara awwaanisaa to'achuuf hirmaannaa ummataatiin hojjatamaa jiraachuusaa ogeeyyiin naannoo fi federaalaa sochiilee adda addaa raawwachaa jiraachuusaanii hoggantoonni qonnaa BBC'n dubbise himaniiru.
Ministeerri qonnaa gamasaatiin qaamolee gargaarsaa biroo waliin ta'uun heelikooptaroota, xiyyaarota keemikaala biifan, meeshaalee keemikaala ittiin biifan kan konkolaataarratti hidhaman dhiheessuun akkasumas keemikaala, uffata keemikaala ittisanii fi konkolaatota hojii dirreef oolan dhiyeessuusaa ibseera.
Hanqinni xiyyaaraa jiraachuun hojii ittisaarratti dhiibbaa qabaachuusaa kan ibsan MM Abiy, rakkoo kana hiikuu fi hojii keemikaala biifuu milkaa'inaan hojjachuuf hojiileen akka biyyaatti hojjatamaa jiraniin guyyoota muraasa keessatti xiyyaarota keemikaala biifan biyya alaarraa galchuun hojiin to'annaa jabaatee akka itti fufu himaniiru.
Tilmaama amma jiruun hoomaa awwaanisaa ittisuuf xiyyaaronni 10 ta'anii fi konkolaattonni hojii dirreetiif oolan 150 akka barbaachisaniifi isa kana guutuufis mootummaan dhaabbilee fi biyyoota adda addaa waliin dubbachaa akka jiru kan ibse ammo ministeera qonnaati.
Oromiyaa
Weerarri hoomaa awwaannisaa godinaalee Harargee lamaa fi Shawaa kaabatti mudachuusaa Biiroo Qonna Oromiyaa BBC'tti himeera.
Hogganaan biiroo qonnaa Obbo Dhaabaa Dabalee BBC'tti akka himanitti godina Shawaa Kaabaatti weerarri kun yeroo dhihoo as mudate jedhaniiru.
Torbee darbe guyyaa Kibxataa Aanaa Fantaallee Naannoo Afaar daangessutti mul'achuu jalqabeera jedhaniiru.
Akka Obbo Dhaabaatti Godinaalee Harargeetti midhaan miidhame midhaan mishingaadha.
Weeraricha ittisuuf hojiileen hojjatamaa jiraachuusaa kan himan Obbo Dhaabaan isaan keessaa tokko hojiin ittisaa hawaasaa hirmaachisu tokko ta'uusaa himaniiru.
Tarkaanfilee fudhataman keessaa hawaasa hirmaachisuun aara aarsuu fi sagalee dhageessisuun akka taasifamu himaniiru Obbo Dhaabaan.
Dabalataanis keemikaalli biifamaa jiraachuusaa dubbataniiru.
Biifaan keemikaalaas maashinii harkaatiin, konkolaataan, xiyyaaraan akkasumas dirooniitti fayyadamuun taasifamaa jira jedhan.
Hanqinni xiyyaaraa jiraatus helikoftaraafi dirooniidhaan (xiyyaara nama - maleessa) akka to'achuuf yaalaa jiran BBC'tti himaniiru.
Amaaraa
Naannoo Amaaratti Shawaa Kaabaa hamma Wolloo Kaabaatti weerarri awwaannisaan bakka miidhame keessaa Aanaan Habruu ishee tokkodha. Aanicha keessatti gandoonni torba hoomaa awwaanisaatiin guutumatti barbadaa'aniiru.
Qonnaan bulaan Alii Sayid ganda Xilfee keessatti jiraataadha. Maasaasaanii afur keessaa cimdiin 13 (heektaara 3) jalaa miidhameera.
Maasaa tokko baraaruusaanii kan dubbatan Obbo Aliin "midhaan hafe qallaba ji'a tokkoofillee kan ta'u miti", qonni waggaa guutuu itti dhamaane nuuf mitii horii keenyaafuu akka hin hafnetti ta'ee barbadaa'eera" jedhu.
Itti aanaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Tasfaahuun Mangistee weerarri awwaanisaa godinoota afur, aanota 18 akkasumas gandoota 136 keessatti mudateera jedhu.
Bakkeewwan kanneenitti lafti heektaara kuma 328 weeraramuusaa kan himan Obbo Tasfaahuun lafti walakkaa ta'u xiyyaaraan biifamuu fi maloota adda addaan hojiilee ittisaa hojjatamaniiru jedhu.
Weerarri awwaannisaa kun lafa heektaara kuma 87 ol midhaanii fi nyaata bineensotaarratti miidhaa dhaqqabsiiseera kan jedhan Obbo Tasfaahuun, kana keessaa lafti heektaara 30,500 ol lafa qonna midhaanii ta'uusaa himaniiru.
Qonnaan bultoota miidhaman deeggaruuf gama komishiinii ittisa balaa fi wabii nyaataaniin hojii hojjatamaa jiraachuusaa BBC'tti himaniiru.
Tigraay
Qonaan bulaan Niguus Sisaay naannoo Tigraayitti jiraataa aanaa Carcariiti. Qonnaan bulaan ganna 50 kun miseensota maatii torba bulchu.
Ijoolleensaanii hundi dhiira yoo ta'an, ijoollesaanii hangafaa lama qabatanii waggaa darbe ji'a Bitootessaarraa kaasee maasaasaanii kunuunsaa omishaaf dhiyeessaa turuusaanii dubbatu.
Haati warraasaanis midhaan facaafame aramni akka hin balleessineef isaan gargaaruusaanii kan himan qonnaan bulaan kun, bara 2012'tti ji'a Bitootessarraa hamma Caamsaatti lafa heektaara 2.5 irratti xaafii, boqolloo fi shumburaa facaasanii akka turan himu.
"Roobni gaariin waan tureef lafa heektaara tokkorrraa boqolloo kuntaala 80, xaafii kuntaala 40 ta'u ni arganna jennee abdannee turre. Ammatti garuu midhaan kun hundi awwaanisaan nyaatamee barbadaa'eera," jedhan.
Qonni teeknooloojiin deeggaramee hojjatamaa ture abdii guddaarraa qaban hoomaa awwaanisaan yoo weeraramu yoo danda'ame gama aadaatiin miidhaarraa hambisuu yaalanis bu'a qabeessa akka hin taane himu Obbo Niguus.
"Weerarri awwaanisaa dhiheenya kana marsaa sadaffaaf dhufe humna keenyaa ol waan ta'eef ittisuu hin dandeenye. Ammatti dubartoonni baay'ee yaadda'aniiru. Haadholiin warraa keenya yaadda'uusaaniirraa kan ka'e fuullisaanii gurraacha'eera; maal nyaanna? Garam deemna? Jechaa jiru," jedhu.















