Ameerikaa: Tiraamp hojii isaaniitti deebi’uuf qophiidha jedhan hakiimni isaanii

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp wal’aansa Covid-19 waan xumuraniif hojii isaanii idileetti deebi’uuf qophiidha jedhe hakiimni isaanii.
Doktar Tiraampi, Siyaan Koonleey wal’aansa kenname hunda haala gaariin fudhachaa turan, kanaafuu tasgabbaa’aas dhufeera jedheera.
Tiraamp immoo gaafa Jimaataa qorannoo Covid-19 biraa fudhachuu nan danda’a, Sanbattan irra immoo duula nan gaggeessa jadhan.
Pireezidaantichi falmii TV Kamisa dhufu Joo Baayiden waliin adeemsifamuuf jiru keessaa of baasuu isaanii armaan dura dubbataniis turan.
‘’Yeroo koo falmii gama onlaayiniidhaan godhamurratti hin balleessu,’’ jedhan Tiraamp Covid-19n waan qabamaniif ture falmichi gara onlaayiniitti kan geeddarame.
Murtoon kun falmiiwwan itti fufan yoom adeemsifamu kan jedhurratti gaaffii kaaseera.
Fayyaa Tiraamp irratti waan haaraa maaltu jira?
Gabaasa Waayit Haawus irraa Kamisa kaleessaa baheen Dr Koonleey, Tiraamp mallattoo dhukkubaa agarsiisaa hin jiran jechuun, ‘’dhukkubicharraa fooyya’aa jiraachuu,’’ akekee ture.
‘’Sanbatni dhufu erga dhukkuba kanaan qabamanii guyyaa 10ffaa taha. Qorannoo haalaan isaaniif taasifameen, pireezidantichi fayyaa isaanii duraaniitti ni deebi’u jedheen amana. Haaluma kanaan jiruttis ni deebi’uu,’’ jedha gabaasichi.
Dr Koonleey yoo haalli pireezidantichaa hanga Wiixata dhufutti fooyyaa’ee yookiin akka jiruun itti fufe nuuf haaragalfiidha jedhaniitu turan.
Tiraamp miidiyaa Fox News waliin taasisaniin, ’’amma gaariidha inumaayyuu gaafa Sanbataa Filooriidaatti duula nan gaggeessa,’’ jedhaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















