Waldhabdee Armeeniyaa fi Azarbaajiyaan jiddutti uumameen namoonni 100 du’an

Loltuu meeshaa waraanaa bira dhaabbatu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Wal-dhabdee Armeeniyaa fi Azarbaajiyaan jiddutti uumameen namoota nagaa dabalatee yoo xiqqaate namoonni 100 du’aniiru.

Waldhabdeen kunis bulchiinsi Naagornoo-Karaabaak kiyya kan jedhurraa kan maddedha.

Bulchiinsi kun kan Azarbaajiyaan yoo ta’u, erga bara 1994’tii warroota Armeeniyaatiin bulaa turte.

Bulchiinsi ofiin of bulchitu kun erga Dilbataatii loltoota 84 dabalatee namoonni nagaa du’uusaanii ibsiteetti.

Azarbaajiyaan hamma ammaatti lakkoofsa loltoota jalaa du’anii ifa kan hin goone yemmuu ta’u, namoonni nagaa torba jalaa ajjeefamuushee ibsiteetti.

Waldhabdeen kunis guyyoota sadii dura eegale.

Guyyaa Kibxataa ministeerri ittisa biyya Armeeniyaa awutoobisiin imaltoota qabatee ture diroonii Azarbaajiyaaniin haleelamuusaa kan ibsan ta'us namoonni du'an akka hin jirre himaniiru.

Haleellaan kunis magaalaa Armeeniyaa Vardeenisi jedhamutti raawwatame.

Namoonni shan miseensota maatii tokkoo ta’an erga ajjeefaman booda lammiileen Azarbaajiyaan lama biroo ajjeefamaniiru.

Waldhabdeen kunis erga bara 2016 as waldhabdee isa jabaa ta’edha akkasumas UN’tti Kaawunsiliin Nageenyaa dhimma kanatti mari’achuuf guyyaa Kibxataa marii ni taasisa.

Armeeniyaa fi Azarbaajiyaan bakkeewwan muraasatti loltoota baay’ee bobbaasuun seera waraanaa labsuun waldhabdee jalqabuu irratti isaan lamaanuu wal komachaa turan.

Waldhabdee kana keessatti biyyoonni biroo kallattiidhaan hirmaachuu danda’u jedhamee sodaatama.

Tarkiin Azarbaajiyaaniif deeggarsa kan kennite yoo ta’u; Raashiyaan kaampii waraanaa Armeeniyaa keessaa qabdu ammoo biyyoonni kunneen saffisaan dhukaasa akka dhaabaniif waamicha dhiyeessiteetti.

UN’tti Komishiinarri Mirgoota Namummaa Miisheel Baashelet waldhabdee kanaan lubbuu namoota darbee fi miidhaa gaheef gaddasaanitti dhagahame ibsaniiru.

Dabalataanis “biyyoonni kun saffisaan waldhabdee kana akka dhaaban” gaafataniiru.

Dhugaa Naagornoo-Karaabaak:

· Bakka gaarri itti heddumaatu yoo ta’u, bal’inna iskuweeri meetirii 4,400 qabdi

· Turks Armeeniyoonni Kirsitaanaa fi Musliimonni Tarkii keessa jiraatu

· Yeroo Sooviyeet duraanitti bulchiinsa riippaabilika Azarbaajiyaanitti naannoo of dandeette turte

· Bulchiinsa Azarbaajiyaan akka taate beekamtii idil addunyaa ni qabdi taus garuu warroonni Armeeniyaan hedduminnaan keessa jiraatu

· killed Waraana bara 1988-94’tti taasifameen namoonni miiliyoona tokko ta’an buqqa’aniiru, 3,000 kan ta’an ammoo du’aniiru

· Tarkiin ifaan Azarbaajiyaan deeggarti

· Raashiyaan Armeeniyatti kaampii waraanaa qabdi