Koriyaan Kaabaafi Kibbaa daangaarratti walitti dhokaasan

File photo of the DMZ

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa jalqabaa maal akka kaase ifa hintaane
Maxxanfame

Koriyaan Kaabaafi Koriyaan Kibbaa daangaa biyyoota lamaa adda qooduufi bakka loltootarraa bilisa ta'tti walitti dhukkaasuun isaanii dhagahame.

Dhukkaasni Koriyaa Kaabaatiin sa'aatii 07:41 (23:41 BST) irratti dhukaafamees magaalaa jiddu-gala daangaa taatee 'Cheorwon' keessatti lafa eegdoonni Koriyaa Kibbaa jiran rukkutusaa, waraanni Si'ool beeksiise.

Gama Koriyaa Kibbaatiin namni miidhame jiraachuu ilaalchisee kan jedhame hinjiru.

Gocha Koriyaa Kaabaa kanaaf deebii kennuufis, Koriyaan Kibbaa ''dhukaasa marsaa lamaafi akeekkachisa labsuu'' ibsi waraanaa kun himeeera.

Dhukaasa jalqabaatiif maaltu ka'umsa akka ta'e hinbaramne. Hoogganaan lafa egdootaa akka jedhaniittis, ka'umsi taatee kanaa maal akka ta'e baruuf karaa sarara loltummaatiin Koriyaa Kaabaa qunnamaa jiru.

Loltoonni Koriyaa Kaabaa wayita kallattii Koriyaa Kibbaa irratti dhukaaftu erga waggoota shaniitiin as kan jalqabaati.

Godinni waraana irraa bilisa ta'e (DMZ) kunis Waraanaa Koriyaa bara 1953 booda biyyoota lamaan jidduutti eddoo wal waraansaa dhorku kan uumame ture.

Waggoota lamaan darbaniif, mootummaan Si'ool daangaa wal waraansa cimaan irra ture gara godina nageenyaatti geedaruuf yaalii taasiseera.

Waliigalteewwan hoogganaa Koriyaa Kaabaa Kim Jong-un fi Pirezidaantii Koriyaa Kibbaa Moon Jae-in jidduutti walgahiisaanii Fulbaana bara 2018'tti gaggeefameen irratti waliigalame keessaa tokko, daangaaleerratti muddama waraana xiqqeessuu ture.

Dhukaasni kunis Kim Jong-un erga torban sadiif badee, waa'ee fayyaa isaa ilaalchisuun odeessaaleen hedduun bahaa turaniin booda midiyaarratti mulataniin guyyaa tokkoon boodadha.