Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US: Sodaa ameebaa sammuu namaa nyaatun jiraattonni bishaan akka hin dhugne akeekkachiifaman
Ameerikaa jiraattonni Magaalaa Leek Jaaksan, Teeksaasitti argamtu, bishaan fayyadaman keessa lubbu-qabeeyyii sammuu nyaataniin faalamuu hin oolle sodaa jedhuun bishaan ujummoo akka hin fayyadamaneef itti himameera.
Abbaan taayitaa naannoo jiraattota magaalattii 27,000 ta’aniif bishaan dhugaatii dhiyeessu, bishaanichi ameebaa Naayijeleeriyaa fowleerii jedhamuun faalamuu akka hin oolle akeekkachiise.
Ameebaan kun bishaan isaan faalame karaa funyaanii yoo seenu nama hubuu danda’a. Balaa cimaas namarraan ga’a.
US’tti faalamni hagas yaaddessaa miti. Bara 2009 hanga 2018 gidduu namoonni faalaman 34 qofa.
Gaafa Jimaataa hawaasni Teeksaas saddeet ta’an bishaan mana isaanii ga’u mana fincaanii ittiin qulqulleessuuf qofa malee waan biraaf akka hin fayyadamne itti himamee ture.
Sambata kaleessaa garuu warri kaan akka fayyadaman itti himamee, warri Leek Jaaksan jiraatan garuu xiqqoo obsaa jedhamaniiru.
Komishiniin Qulqullina Naannoo Teeksaas akkas jedhe: ‘‘Hanga bishaanichi guutummaan wal’aanamee fayyadamuuf qophiidha jedhamutti, jiraattonni Leek Jaaksan bira hin ga’inaa.’’
Yeroo hagamii akka fudhatu wanti beekame hin jiru.
Naayijeleeriyaa fowleerii addunyaa guutuurra argama. Akka Giddu-galli Ittisa Dhibeewwanii (CDC’n) jedhutti, irra jireessi faalamaa US keessatti mudatu karaa bishaan dhugaatiitiin kan dhufu yoo ta’u, naannolee Kibbaa caalaatti huba.
Akka CDC’tti namoonni bishaan faalame yeroo dhugan miti kan qabaman, namarraa namattis hin daddarbu.
Warreen Naayijeleeriyaa fowleeriidhaan faalaman mallattoolee akka ho’ina qaamaa, miira ol -ol jechuufi bira darbees hoqqisiisuu agarsiisu, akkasumas mormi goggoguufi mata-bowwuunis keessatti argamu.
Namni kanaan qabame baay’een torbee tokko keessatti lubbuun dabarti.
Ammaaf anga’oonni kan akeekkachiisan bishaanichi funyaan waliin tuttuqqaa akka hin qabaanneefidha.