Xiyyaarri waraanaa Yuukireen kufe lubbuu namoota 22 ol galaafate

Madda suuraa, Rootitarsi
Balaa xiyyaaraa waraanaa yuukireen lubbuu namoota 22 galaafachuu qondaaltoonni biyyaattii himan.
Namoota balaa kanaan miidhamaan keessaa harki caalaan isaanii leenjifamtoota ogummaa balalii xiyyaara yuunvarsiitii humna qilleensaa Karkoovi.
Xiyyaarrii Antonoov-26 magaalaa Baha biyyattii Karkoov cinaatti qubachuuf wayita ka’etti kufee balaan kun irra qaqqabe.
Xiyyaarichi leenjifamtoota shaakalchisuuf balaliirraa akka turellee kan ibsame wayita ta’u, namootni 27 keessa akka turan qondaaltonni waraana biyyatti dubbataniiru.
Namoonni lama madaa’uu cimaan kan mudate wayita ta’uu, namoota sadii achii buuteen isaanii dhabame barbaaduun itti fufeera. Ibiddii wayita balaan kun qaqqabu qabates boodarra dhaamfame.
Xiyyaarichi magaalaa Chuyiv jedhamturraa iddoo 2km fagaatutti kufee caccabus, walitti bu’iinsa Baha biyyatti wajjin kufaatiin xiyyaaricha hidhata qabaachuu waanti akeeku hin jiru.
Chuyiv garuu iddoo mormitoonni Yuukireniirraa foxxoquu barbaadan loltoota mootummaa wajjin wal lolanirraa 100km qofa fagaatti.
Ittiaanaa ministirA dhimma biyyaa keessaa biyyattii kan ta’an Antoon Giraas Cheenkoo AFP tti akka himanitti, battala sanatti sababiin balaa kanaa hin beekamne , qoratamaa jira jedhan.
Pirezedant Volodimirii Zeleniskaayi har’a naannichatti akka imalanitu eegama.
Bulchaan naannoo Kaarkoov garuu odeeffannoon qorannoon duraa himan akka akeekutti, balaliistota keessaa tokkoon isaa rakkoon motaraa/injinii mudachuusaa otoo balaan kun hin qaqqabiin himateera.














