Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dinagdee: Mudaan nootiiwwan Birrii haaraarra jiru dhiibbaa hin qabaatuu?
Nootii haaraan Itoophiyaan tibba kana maxxansiiftee keessumaa nootiiwwan abbaa 100 fi 10 irratti fayyadamtootarraa gaaffii kaasiseera.
Baankiin biyyaalessaa nootiiwwan lamaan kanarratti sararri gaaraa gadi sararame fakkii leencaa gidduu akka bahu beeksisus nootiiwwan kana tokko tokko irratti sararichi gurra leencaarra darba.
Kanarraa kan ka'ees nootiiwwaan haaraan kun kan fakkeefamanii hojjetaman yookaan fake ta'an akka ta'eetti miidiyaa hawaasumaarratti haasa'amaa jira.
Dhimma kanarratti yaada isaanii akka kennan BBC'n kan dubbiseen Baankii Biyyaalessaatti daayireektarri bulchiinsa Karansii obbo Abbabaa Sanbatee, dogoggora maxxansaa dhiibbaa guddaa hin qabne malee 'fake' kn kan fakkeefamee hojjetame akka hin taane himan.
Itti dabaluunis fayyadama maallaqaa hawaasaarratti dhiibbaa fi jijjiiramni fidu akka hin jirrellee dubbatan.
''Maallaqi wayita maxxanfamu dogoggorri teeknikaan walqabatu inuma mudata'' kan jedhan obbo Addisuun, Maxxansi marsaan jalqabaa xumuramee, marsaa lammaffaan wayita eegalamu, hamma tokko bakkaa sosocho’uun waan mudatuuf hanqinni ni uumama'' jedhan.
Kanaan duras hanqinni akka kanaa mudatee akka beeku ibsanii, ''wayita walii galteen raawwatamu dogoggoroonni akkasii akka uumamuu malan kan yaada keessa galfamuuf kanumaafii'' jedhan.
''Kun rakkoo hamaa waan fidu miti. Mallattooleen biroo maallaqicharra haga jiranitti, sararri sun suuraa leencaarra ooles dhiises rakkoon fidu hin jiru.''
Haga danda’ametti hanqinni akkasii osoo uumamuu baatee dansa, garuu yeroo hunda wayita maallaqi maxxanfamu dogoggorri hin jiru jedhanii eeguun sirrii miti yaadaa jedhus kennaniiru.''Wayita maallaqi kun yeroo jalqabaaf maxxanfamu gama keenyaan wanti argine tureera. Sirreessuuf yaalleerra. Qaawwaa uumame sana haga isaanii danda’ametti akka dhiphisan ture kan ibsaafii turre'' jechuuniis adeemsa nootiiwwan haaraa maxxansuu keessatti hanqinoota turan maqsuuf yaalamuu ibsan.
hanqinni amma namoota hedduu biratti gaaffii kaasise ''altakkaa maashina keessa seenee dogoggorri teeknikaa akkanaa mudatedha'' jedhan.
Hanqinni sadarkaa kanatti bahee mul'atu uumamuun ''waan irra hin turredha'' jedhaniiru obbo Addisuun.
Nootiiwwan haara kan ilaalchisee ''garuu wanti guddaan sararri sun gubbaa hanga godaatti walitti fufee jiraachuusaati.
Kanammoo biiftuutti qabuun mirkaneeffachuutu danda’ama.''
Sararri sibiila warqii fakkaatu kun kan hojjetame keessoo waraqaa maallaqaa(nootii) sanaa keessaatti waan ta'eef akka nootiiwwan kana duraa duraa erga maxxanfamee booda miti kan irratti hojjetame jedhu obbo Addisuun.
Wayituma maallaqi kun maxxanfamu kan waliin maxxanfamu waan ta'eefis fakkeessanii hojjechuuf ''rakkisaa ta'a, wanti guddaan kanadha'' jedhan.