Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xaaliyaaniin baasii xiqqeessuuf baay'ina miseensota paarlaamaa hir'isuufi
Xaaliyaaniin baay'ina miseensota paarlaamaa ishee harka tokko sadii oliin hir'isuuf sagalee kennite.
Sagalee yaada ummataan kennammeenis miseensota xiqqeessuun deeggarsa %70 argateera jedhameera.
Haaluma kanaanis lakkoofsi miseensoota mana mare bakka bu'ootaa 634 irraa gara 400tti kan hir'atan yoo ta'u, lakkoofsi seenaatarootaas akkasuma ni hirrata jedhameera.
Yaada kana duuba kan jiran garee warra 'Five Star Movement' jedhamaniifi qaama walta'iinsa motummaa biyya bulchu yoo ta'an isaanis baasii hir'iisuu kaayyoo jedhuun qabatanii socha'u.
Qaamooleen kunneenis baay'inni waliigala miseensoota paarlaamaa fi seenaatarootaa 945 irraa gara 600tti akka hir'atuuf sochii taasisu.
Jijjiramni kunis paarlaamaa biyyattii irratti dhiyaateera.
Haa ta'u malee, yaadni kunis sababii heera mootummaa irratti jijjirama taasisuuf rifarandamiin deegaramu qabaatas jedhameera.
Jijjiramni kunis filannoo bara 2023tiin dura hojiirra oolfamu qabaata jedhamee eegama.
Ministirii Haajaa Alaa biyyattis erga bu'aa deeggarsa ummataa arganiin booda kun ''seena qabeessa' jechuun ibsaniiru.
"Gara paarlaamaa sirrii teessuuma 345 qabuuf faayidaalee muraasaa argatuttu deebi'u dandeenya'' jedhaniiru.
Onkololeessa darbe, qaamolee yaada kana gaggeessan yoo jijjiramni eegamu kun hojiirra oolfame paarlaamaan waggoota 10'tti yuroo bilyoona tokko biyyaaf olchuu danda'a jedhanii ture.
Haa ta'u malee, qeeqxoonni adeemsichi dimokraasii dadhabsiisuu danda'a jedhu.