Kitaaboonni haalaan qaalii hatamanii turan lafa keessaa awwaalamanii argaman

Kitaabolee erga poolisiin mana keessaa argamanii booda

Madda suuraa, Metropolitan police

Maxxanfame

Kitaaboonni 200 'bakka buufamu hindandeenyee' jedhamaniifi doolaara miliyoona 3.2 ni baasuu jedhaman, mana kuusaa Landan tokko keessaa hatamuun lafa jala awwaalaman.

Kitibaanni kunneenis amma mana jireenyaa baadiyaa Romaaniyaa keessatti lafa jala awwaalame argame jedhee poolisiin.

Kitaaboolee amma argaman kanneen keessattis maxxansi jalqabaa hojiiwwan Gaaliloo fi Ayisaak Niiwtan ni argamu jedhameera.

Hattoonni kitaabolee kanneen karaa baaxiin cabsanii seenuun bara 2017'tti mana kuusaa keessaa hatan.

Namoonni waggaa sadiin dura hannicha raawwatanis miseensa garee yakkaa Romaaniyootaa of ijaarani ta'uun adda baheera.

Kitaaboleen kunneenis Roobii darbee wayita poolisiin mandara Romaaniyaa Neemeeti jedhamtu keessa sakkata'iinsa gaggeesseetti lafa jalatti kuufamanii argate.

Kitaaboonni haala kanaan lafa jalatti awwaalamanii ture.

Madda suuraa, Metropolitan police

1px transparent line

Erga bara darbeetii kaasee kitaabicha barbaacha sakatta'iinsi manneen 45 kan UK, Romaaniyaa fi Xaaliyaanii keessaatti argamaniitti gaggeefamee akka ture poolisiin hime.

Yakkuma kanaan walqabatees namoota 13 irratti himanni banameera.

Kitaaboolee hataman keessattis hojiiwwan namoota beekamoo kan akka Daante fi fakkiiwwan oggeessa Ispaanish Firaansisko de Gaayo akkasumas hojiiwwan jarraa 16ffaa fi 17ffaa keessaa Gaaliliyoo fi Ayisaak Niiwtan fa'i keessatti argamu jedhame.

''Kibaatooleen kunneenis baay'ee gatii jabaa kan baasaniifi bakka buufamu hindandeenyeedha'' jedheera qorataan yakkaa Andii Durhaam.

Kitaaboleen kunneen wayita hatamanitti osoo caalbaasii US- Laas Veegaasitti gaggeeffamu irratti hindhiyeeffamiin dura mana kuutaa dhiheenya buufata xiyaaraa Hiitwiitti argamuutti akka turan taasifamanii turan.

Hattoonnis lafa meetira 12 qotuun awwaalan. Maddi oduu AFP akka jedheetti, kitaaboolee awwaalamanii waan turaniif sakkatta'iinsa meeshaan gaggeeffamu jala bahuu danda'e ture.

Gaaliliyoo Gaalili (1564 - 1642) saayintistii, astironomarii, akkasumas barreessaa lammii Xaaliyaaniiti

Madda suuraa, Getty Images

Gareen yakkaa warra Romaaniyaa kunneenis kana dura osoo irratti hinbeekamiin meeshaalee hatan UK keessaa baafachuu danda'aniiru.

Malawwan geejjibaa adda addaatti kan fayyadaman ta'uunis poolisiin yakkicha qoratan himan.

Gareen hattootaa kunis lakkoofsa maatiiwwan yakkaa warra Romaaniyaa kanneen garee yakkaa 'Clamoaru' hundeessan waliin hidhata qabu jedhameera.