Gamtaan Awurooppaa hidhamtoonni siyaasaa Beelaaruus akka hiikaman gaafate

Maariyaa Koleesnikoovaa eessa akka jirtu hin beekamu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyaa Koleesnikoovaa eessa akka jirtu hin beekamu
Maxxanfame

Gamtaan Awurooppaa namoota sababa ilaalcha siyaasaa isaaniitiin, filannoo duras ta’e booda, hidhaman akka gadi dhiifaman gaafate.

Gamtichi qaamolee filannoo burjajessuu, hookkara kaasisuu fi uummata gidirsuu keessatti qooda qaban hundayyuu qoqqobuuf itti dhaadateera.

Mootummaan Beelaaruus mirgoota dimokiraasii lammiilee kabajuun, rakkoo dhalateef qaama hunda mariisisee furuu qaba malee uummata mana hidhaatti guuree dararuu hin qabu jedhan Gamtichatti bakka bu’aan dhimma alaa Joosep Borrell.

Gamtaan kun kanaan duras aanga’oota olaanoo biyyattii 31 qoqqobbii imalaa fi maallaqasaanii ugguruu, irra kaa’uuf karoorfatee ture.

Tarkaanfiin qoqqobbii kun walakkaa ji’a Fulbaanaa kanarraa akka eegalus ibseera.

Mormitoota gameeyyii keessaa tokko kan taate Maariyaa Kolesnikoovaa kaleessa (Wiixata 08,09,2020) erga ukkaamfamtee humnaan konkolaataa keessa buufamtee fudhatamtee amma eessa buuteenshee hin beekamu.

Dubartiin kun dubartoota sadan filannoo Hagayya darbe filatamerratti dorgomuun Pirezidaanti Aleksaandar Lukashenko qoran keessaa ishee jabduu turte.

Miseensota, koree baallii karaa nagaan dabarsuu mirkaneessuuf mormitootaan hundaa’e, keessaa tokko kan taate Maariyaan, koreen kun garuu ammallee eessa akka jirtu hin beeku jedheera.

Koreen qindaawaan kun barreessaan isaa Ivaan Kravtsov illee akka dhabamsiifame ibseera.

Dubartoota filannoo darberratti morkattoota jajjaboo turan sadi keessaa lameen isaanii barii filannoo sodaatanii biyyaa ba’an.

Pirezidaantichi sagalee kenname waliin dhahuun filannocha mo’ate jechuun mormiin uummataa ji'a tokko dura eegale.

Mormiin uummataa ji’a tokkoo ol ture kun Dilbata darbemmoo bifa haaraan itti fufeera, mormii alanaa kanarratti namoonni 600 caalan hidhamaniiru.

Mormii magaalaa guddoo biyyattii Minsky fi magaalota kaan keessatti torbanoota afuriif walitti fufee gaggeeffamaa jiruun yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamanii hedduun ammoo miidhamaniiru.

Bara 1994 aangoo kan qabatan Pirezidaanti Aleksaandar Lukashenko biyyoonni dhihaa dhimma biyya kiyyaa keessa seenaniiru jechuun himatu.

Qondaalli kun michuusaanii kan taate Raashiyaa daawwachuuf jiru.