Sa'udiin namoota Jamaal Kashogjii ajjesuun duuti ittimurtaa'ee ture gara hidhaatti hir'isteef

Madda suuraa, POMED
Manni murtii Sa’ud Arbiyaa ajjeechaa gaazixessaa Sa’ud Arabiyaa beekama Jamaal Kaashogjii keessaatti hirmaachuun balleessaa rawwaataniiru jedhamanii duuti itti murameerra adabbii hir’ise.
Abbaan alangaa hawaasaa tokko akka himetti, maatiin gaazixeessaa kanaa namoota adabbiin du'aa itti murame kanaaf dhiifama gochuu isaanitiin, adabbiin du’aa gara hidhaa waggaa 20tti hir’ifameef.
Namoonni biroommoo hidha waggaa 7-10 tiin akka adabamanitu itti murame.
Gaazixessaa beekamaan Jamaal Kaashogjii mootummaa Sa’ud Arabiyaa qeequun kan beekamoo wayta ta’u, qontsilaa biyyatti Tarkii magaalaa Istaanbul keessatti 'gartuu tika Sa’udiitiin ajjeefame. '
Mootummaa Sa’ud Arabiyaa akka ibsetti, ‘beekamtii qaama mootummaatiin alatti ajjeeffame,’ jedheera.
Gaazixeessaan kun erga ajjeefamee waggaa tokkoo booda Sa'ud Arabiyaan namoota 11 mana murtiitti dhiyeessite.
Isaan keessaa namootni shan ajjeechaa gaazixeessichaa keessatti kallattin hirmaachuun du’aan adabamanii turan.
Namoonni sadiimmoo yakka kana dhoksaniiru jedhamanitu hidhaan adabaman. Namoonni sadii biroon garuu yakka kanarraa bilisaa jedhamanii gadhiifaman.
Dhaddachi mana murtii Sa’ud Arabiyaa kun garuu kan ergamaan addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ‘Jamaal Kaashogjiin 'itti yaadamee ajjeefame' jechuun ajjeechaa kanaaf Sa’ud Arabiyaa itti gaafatamtuu taasise fudhachuu diduun ni yaadatama.















