Suuraadhaan: Musliimonni Shiyaa ayyaana Ashuuraa kabajaa jiru

Maxxanfame

Musliimonni idil addunyaa Ashuuraa kabajachaa jiru, Ashuuraan guyyaa akaakuun Nabiyyuu Mohaammad, Huseen itti wareegame itti yaadatanidha.

Akkuma ayyaanota amantaa biroo, 2020’tti ayyaanota aadaa kan akkasii kabajuuf koroonaavaayiras danqaa ta’eera.

Iraaq, Yaman, Hindii fi Libaanoos dabalatee, hawaasni musliimaa Ashuuraa yaadachaa kan jiran yoo ta’u, gariin isaanii of - eeggannoowwan barbaachisan taasisaa hin jirani.

Walirraa fagaachuus ta’e maaskii kaawwachuuf hin dhimmamne.

Guyyichi sagantaawwan gaddaafi akkeessa wareegamichaa taphachuun yaadatama.

Dhiironniifi dubartoonni Shiyaa huccuu gurraacha kaawwatan daandiiwwan irratti laphee isaanii rukutaa faarfachaa deemu.