Suuraadhaan: Musliimonni Shiyaa ayyaana Ashuuraa kabajaa jiru

Taphoonni wareegama kana akkeessan sagantaawwan dhiyaatan keessaa tokkodha

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Taphoonni wareegama kana akkeessan sagantaawwan dhiyaatan keessaa tokkodha
Maxxanfame

Musliimonni idil addunyaa Ashuuraa kabajachaa jiru, Ashuuraan guyyaa akaakuun Nabiyyuu Mohaammad, Huseen itti wareegame itti yaadatanidha.

Akkuma ayyaanota amantaa biroo, 2020’tti ayyaanota aadaa kan akkasii kabajuuf koroonaavaayiras danqaa ta’eera.

Iraaq, Yaman, Hindii fi Libaanoos dabalatee, hawaasni musliimaa Ashuuraa yaadachaa kan jiran yoo ta’u, gariin isaanii of - eeggannoowwan barbaachisan taasisaa hin jirani.

Kaarbaalaa Iraaq, bakka Huseen itti wareegametti sagantaa gaddaatiin yaadannoon taasifamaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaarbaalaa Iraaq, bakka Huseen itti wareegametti sagantaa gaddaatiin yaadannoon taasifamaa jira

Walirraa fagaachuus ta’e maaskii kaawwachuuf hin dhimmamne.

Guyyichi sagantaawwan gaddaafi akkeessa wareegamichaa taphachuun yaadatama.

Dhiironniifi dubartoonni Shiyaa huccuu gurraacha kaawwatan daandiiwwan irratti laphee isaanii rukutaa faarfachaa deemu.