Hidha Guddicha Abbayyaa: Masriin marii Hidha Haaroomsa Guddicha Abbayyaa eegalamee keessaa bahuu ibsite

Hidha Guddicha Abbayyaa

Madda suuraa, GRAND ETHIOPIAN RENAISSANCE DAM

Maxxanfame

Masriin marii akka haaraatti dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti Wiixata darbee Itoophiyaafi Sudaan waliin bakka taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa argamaniitti eegalamee keessaa of baaste.

Waldhabdii dhimma qajeelfama Itoophiyaan haala hidhichi itti guutamuu ilaalchisuun dhiyyeessitee kan ilaallatu ta'u maddii oduu AFP gabaaseera.

Itoophiyaan bishaan laga Abbayyaa kana qoodachuu irratti akka gara mariitti deebii'aniif irra dedeeniidhaan gaafachaa waan jirtuuf, Sudaan gama isheetiin marii kana keessaa bahuudhaaf akeekkachiifte..

Ministirri Bishaaniifi Jallisii Sudaan Yaasir Abbaas xalayaa yaada marii bishaan qooddachuuf Itoophiyaan dhiyeessite, gita isaanii Itoophiyaa irraa isaan qaqabuu beeksiisan.

Ministirri Bishaaniifi Jallisii Sudaan kun, ‘’Itoophiyaan dhimmi ammatti akka irratti marii’annu barbaaddee dhimma hidhicha bishaaniin guutuu irratti akka daangeffameedha. Dhimmi bulchiinsa bishaanichaa ilaallatu kan biraa ammoo dhimma hirmaachuu bishaan Laga Abbayyaa waliin wal-qabata,’’ jette jechuunsaanii AFP’tu gabaase.

Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Annisaa Itoophiyaa Dr Sileshii Baqqalaa ammoo, mariin dhimma Hidha Abayyaa itti fufuu eeruun,’’ Itoophiyaan waliigaltee hidhicha bishaan guutuu yeroo gabaabaa keessatti mallatteessuu barbaaddi. Waliigaltee waliigalaa irra gahuufis marii itti fufuu feeti,’’ jechuun fuula Tiwitter isaanii irratti barreessaniiru.

Masrii, Itoophiyaa fi Sudaan osuma ijaarsi Hidha Guddicha Abbayyaa kun gaggeefamaa jiruu waggootaa dheeraadhaaf marii taasisaa turan.

Itoophiyaan carraa bishaan roobaatiitti fayyadamuun hidhicha karoora bara kanatti bishaan guutuuf qabatte Waxabajjii keessa milkaa'u ibsite jirti.

Biyyoonni lamaan Sudaaniif Masriin ummanni isaanii bishaan laga kanaa irratti hundaa'a jechuun yaaddo isaanii ibsataa turan.

Mariin biyyoota sadan kanneen jiduutti yeroo garaa garaatti gaggeeffamaa ture sababiidhuma adda addaa biyyoota kanneen irra dhiyaatuun xumura osoo hinargatiin jira.