Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyarri waraanaa Israa’el buufata waraanaa Siiriyaa haleele
Xiyyarri waraanaa Israa’el guyyaa kaleessaa buufata waraanaa Siiriyaa haleeluusaa Humni Ittisaa Israa’eel mirkaneesseera.
Miidiyaan biyyalessaa Siiriyaa haleellaan kun raawwatamuusaa mirkaneessee, “qabeenyarratti miidhaan” hangi isaa hin beekamne qaqqabeera jedhe.
Haleellaan kunis kaampii waraanaa magaalaa Damaasqootti dhiyaatu irratti ta’uusaa ibseera.
Humni Ittisaa Israa’eel (IDF) gamasaatiin haleellaan kun yaalii boombii raawwatamuuf tureef deebiidha jedheera.
Humni Ittisaa Israa’eel kanaan dura namoota naannoo to’annaa Israa’eel jala jirtu Goolaan Heeyitis jedhamutti haxxee (fanjii) awwaalaa turan afur ajjeesuusaa himeera.
Gareen kun dhukaasa saniin miidhamuusaanii viidiyoon ni mul’isa.
Dubbi himaan waraanaa Leetenaant Koloneel Joonaatan Kanriikas ammatti namoonni kunneenuu miseensota garee kamii akka ta’an himuuf ni rakkisa. Israa’eel garuu “mootummaa Siiriyaa itti gaafatamummaa akka fudhatu taasifteetti” jedhan.
Haleellaan Wiixataa kunis buufata waraanaa irratti kan xiyyeeffate akka ture IDF ibseera.
Humni Ittisaa Israa’eel taateewwan lafa Siiriyaarratti raawwatamaniif itti gaafatamummaa qaba, akkasumas taateewwan walabummaa Israa’eel irratti yaaddoo ta’aniif oppireeshiniisaa itti fufa,” jedha ibsichi.
Hiyumaan Raayitis kan Siiriyarratti hojjatu haleellaa qilleensaa magaalaa Buukamaal kan gama Kaaba bahaatiin Iraaq daangessitu keessatti namoonni 15 ajjeefamuusaanii himeera.
Eega Israa’eel haleellaa xiyyaaraatiin loltoota Heezbollaa Siiriyaa keessatti torbee lama dura ajjeefte booda hariirooni Israa’eel fi Siiriyaa jiddu jiru hammaataa jira.