Koronaavaayirasi: Iraanitti lakkoofsi namoota du’anii dhokatee ture ifatti ba’e

Maxxanfame

Iraanitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii kan mootummaan himeerra dacha sadii akka guddatu, qorannoon BBC Parshiyaa gaggeesse ibse.

Ministirri fayyaa biyyaatti lakkoofsa namoota du’anii 14,405 jechuun gabasuus, galmee mootummaa irraa kan argame garuu namootni koronaavayirasiin du’anii gara 42,000 ta’uu agarsiisa.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 278,827 ta’uu gabaafamuus galmeerra kan argamee garuu gara dacha sanaatiin namoota 451,024 ta’uu barameera.

Chaayinaan alatti Iraan biyyoota vaayirasichaan guddaa miidhaman keessaa tokkodha.

Torban darban keessatti, marsaa lammaffaaf lakkoofsa namoota qabamanii deebi’ee ka’eera.

Akka galmee meedikaalaa BBC’f kennametti, Iraanitti koronaavayirasiin jalqaba kan namni du’e Amajjii 22 irratti. Kun kan ta’e koronaavayirasiin biyyattitti gabaafamuusaa gara ji’a tokko duraatii jechuudha.

Erga weerarri kun Iraan seenee booda tajjaabdoonni hedduun lakkoofsa mootummaan himu hin amanne.

Gabaasni mootommaa nannoofi biyyooleessa garaagarummaa qabaachuu isaa angaa’onni tokko tokko komii kaasaaniiru, ogeessonni istaatikiis tilmaama biraa keennu yaalaniiru.

Sababa hanqina qorannoottiin lakkoofsi sirri argamuu dhabuun biyyootii addunyaa hedduu keessatti ni argama, ta’us garuu odeeffannoon BBC’n ifatti baase kan agarsiisu anga’oonni Iraan galmee namoota du’anii qabaatanis lakkoofsa isaan gaabaasan garuu xiqqaadha, kun ammoo beekaa waan odeeffannoo qaban fakkeessa.

Galmeen kun eessaa argame?

Galmeen kun kan BBC'tti ergame maddaa of beeksisuu hin feenerraadha.

Galmeen kun odeeffannoo namoota guyya guyyaan hospitaaloota Iraan seenanii, maqaasaanii, umurii saanii, koorniyaa, mallattoo dhukkubaa, yoom akka seenaniifi guyyaa hagamiif hospitaala keessaa akka turani akkasumas haala fayyina isaanii kan of keessatti qabatudha.

Maaddi kun galmee kana BBCf sababiin qoodaniifis “dhugaan akka ba’uu akkasumas weerara kana “tapha siyaasaaf fayyadamuun akka dhaabatuufi jedhaniru.

Maddii kun qaama mootummaa Iraaniif hojjeechuufi dhiisuu isaafi galmee kana akkamiin akka argate BBC’n hin beeku.

Galmeen kun maal mul’isa?

Magaalaa gudditti Teehraan keessatti lakkoofsi namoota COvid-19 du’anii 8,120 dha.

Magaalaan Qoom keessatti ammo namootni du’an 1,419 ta’eera.

Namoota du’an keessaa 1,916 lammilee Iraan miti. Kunis lakkoofsi namoota du’anii kan baqattootaafi godaantoonta wal gitaa akka hin taane mul’isa.

Galmeen namoota vaayirasichaan qabamaniifi du’anii ifatti baafame kana mootummaan qabuu waliin lakkoofsaan alatti wal fakkaataadha.

Jalqabarattii lakkoofsi namoota du’anii kan ministirri fayyaa jedhera gudaa tura, gara Bitootessa giddu galeessa irratti kan mootummaan jedhurraa dacha shan guddaa ture.

Jalqaba dhoksaa kana kan ifatti baasan eenyu?

Ogeessoti fayyaa kallattiin odeeffannoo qaban akka BBCtti himanitti ministeerrii fayyaa Iraan qamoota nageenyaafi tikaa irraa dhiibbaan irra ga’aa jira.

Dr Polaadii (maqaa isaa dhugaa miti) ministeerichi ‘wanta jiru haalutti’ jira jechuun BBCtti himeera.

“Jalqabaratti meeshalee qorannoo ga’aa hin qaban turan, erga argataniimmoo, bal’inaan hin fayyadamamne. Hojiin qamoolee tikaa koronaavaayirasiin Iraan keessa akka jiru haaluudha,” jedha Dr Polaadii.

Ministirri fayyaa jalqabaratti koronaavaayirasiin jiraachuu kana amane dhiibbaa obboleessota lama kan ogeessota fayyaa ta’aniifi magaalaa Qoom keessa jiraataniini.

Yeroo obboleessi Dr Mohaammad Molaayiifi Dr Alii Molaayii du’e, Covid-19’f qoratamuu qaba jechuun yeroo qoratamu vaayirasicha akka qabu ture barame.

Hospiitaalaa Kamkar, bakka obboleessi isaanii itti du’etti, namootni hedduu mallattoo Covid-19 seenanii turani. Ta’us boodara isaan keessaa namni dhibicha qabu hin turre.

Dr Molaayii viidiyoo oboleessa isaa ibsa waliin gadhiise. Boodarra ministirri fayyaa jiraachuu koronaavayirasii amane.

Ta’us TV biyyaalessa sobaan viidiyoon obboleessa isaa kan turedha gadhiise jechuun himachuun qeeqaniini ture.

Dhoksuun maaf barbaachise?

Jalqabbiin weerara kana kabaja Waraqasa Islaamummaa 1979 fi filannoo parlamaa waliin walirra bu’e.

Kun Rippaaplikaa Islaamaa kun deeggarsaa isaa irratti beekkamtii argachuuf carraa gaarii argachuu waan barbaaduuf vaayirasichaan beekkamtii isaa dhabuu hin fedhu ture.

Hogganaan biyyatti Ayatolaa Alii Kamenii, namootni tokko tokko filannoo kana xiqqeessuuf koronaavaayirsii fayyadamuu barbaadu jedhuun himate ture.

Yeroo sanatti namootni sagalee kennuuf ba’an muraasa turani.

Weerarri kun addunyaarra tatamsa’uu isaan dura Iraan rakkoo ofii adda addaa keessa turte.

Sadaasa 2018, qala’iinsa gatii bobo’aan walqabatee mormii ka’een guyyooti muraasaa keessatti mormitonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.

Amajjii bara kanaatti ammo Jeneraal Qasiim Solimaanii, US’n ajjeefamuun isaa hokkora biraa uumee ture.

Sana boodammoo humnootii Iraan dogoggoraan xiyyaraa Yukireen rukatanii lubbuun namoota 176 darbe.

Miseensa Parlaamaafi hojjataa ministeera fayya kan ture Dr Nuroldiin Pirmoziin, haala kana keessatti mootummaan Iraan yeroon koronaavayirasiin biyyatti seenetti “dhugaa isaa mul’isuuf yaaddoofi sodaa qabu ture,” jechuun BBCtti himeera.

“Mootummaan ummati harki qalleeyyi fi kanneen hojii hin qabne mormiin daanditti ba’u kan jedhu soodate,” jedha.

Dr Pirmoziin Iraan dhabbati fayyaa ‘Médecins Sans Frontières’ jedhamu magaalaa Isfahaan keessatti akka namoota koronaavaayirasiin hubaman hin wal’aanneef dhorkuun isa soda nageenyaa akka ture agarsiisa jedha.

“Kanneen rakkoo kana biyyatitti fidan gatii hin kaffalani. Kan gatii baasuu ummaata harka qalleeyyi biyyattiifi dhukkubsatootakootu lubbuu isaaniin kaffala,” jedha Dr Polaadii.