Gareen IS haleellaa mana hidhaa Afgaanistaanirratti raawwatameef gaafatamummaa fudhate

Maxxanfame

Gareen IS haleellaa mana hidhaa baha Afgaanistaan magaalaa Jalalabaad irratti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhateera.

Gareen kun hidhamtoonni mana hidhichaa lakkoofsaan baay’ee ta’an miliquuf yaalii godhaa turan jedheera.

Haleellaan kunis kaleessaa galagala kan jalqabe yoo ta’u, hamma ganama har’atti itti fufee ture.

Haleellaa kanaanis yoo xiqqaate namoonni 24 du’aniiru jedhan dubbi himaan kutaa bulchiinsa Nangarhar.

Attaullah Khogyani akka jedhanitti namoonni 43 madaa’anii gara hospitaalaa geeffamaniiru.

Namoota haleellaa raawwatan keessaa namoonni sadii ajjeefamaniirus jedhan qondaalli kun.

Mana hidhaa kana keessatti hidhamtoota 1,700 kan hidhaman yoo ta’u baay’een isaanii loltoota Taalibaanii fi IS keessatti argamu jechuun maddi nageenyaa AFP’tti himeera.

Kaayyoon haleellaa kana hidhamtoota muraasa mana hidhaa sana keessaa baasuuf akka ta’e wanti beekamu hin jiru.

Haleellaan kunis guyyaa sadaffaa erga waraanni mootummaafi Taaliban yeroodhaaf wal waranuu dhiisanitti kan raawwatamedha.

Hidhamtoonni Taaliban dhibbaatamatti laaka’aman marii qaamolee lama jiddutti taasifamu jecha hiikkamaniiru.

Gareen Taaliban haleellaa kana keessaa harka hin qabu jedhee ture.