Pirez. Muhaammaduu Buhaarii barata maallaqa borsaa guutuu lafaa argee deebise leellisan

Mohaammaduu Buhaarii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii barataa medikaalaafi lammii biyyattii ta'e yeroo ammaa biyya Jaappaanitti barataa jiru boorsaa maallaqa guutuu qabu lafaa arguun poolisiitti kenne galateeffatan.

Akka seera biyyattiittis namni maallaqaa bade lafaa argee deebiisee, maallaqa badee argame sana keessaa %10 kan fudhatu yoo ta'u, lammiin Naayijeeriyaa kun garuu isalleen fudhachuu dideera.

Gargaaraa miidiyaa hawaasummaa pirezidaantichaa kan ta'an Baashir Ahmad fuula tiwiitara isaaniirratti akka barreessaniitti, pirezidaantichi barataa lamii Naayijeeriyaa kan ta'ee Mr Ikenaa Niwekee gocha naamuusa gaarii akkanaa agrasiisuu isaatiif baayyee jajaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Gabaasni jalqaba torban kanaa bahee akka mulliseetti Mr Ikenaa Niwekee waa bitachuuf wayita Jaappaan keessaa magaalaa Tsukubaa bahee tureetti boorsaan lafatti kufee argee.

Isaan boodas kaasee poolisiitti keenne.

''Pooliisiin garuu akka seera biyyaattiitti maallaqqaa lafaa argee keessaa %10 fudhachuu akkan qabuu natti himan, ani garuu nana dide,'' jechuun Jidduugala Gabaasaa Qorannoo Idil-Addunyaatti hime.

''Anis sababiin maatii naamusa qabuun guddadheefi waanan Kirisitiyaan ta'eef kun hin barbaachiisu jedheen itti hime.''

Mr Buhaariinis barataa kanaan ''dudhaa naamuusa gaarii, amanamummaafi kan qabduun na gahaa kan jedhu mullisuu isaaniitiin baayyee galateeffataniiru,'' jedhu Mr Ahmad.

Akkasumas, barataan kun ''hundaaf fakkeenyaa gaarii ta'uu'' isaatiin Imbaasii Naayijeeriyaa biyyaa Jaappaaniitti argamu irraa xalayaa galataa argateera.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2